Ada’aa Bargaa lixa shaggaritti da’imman 9 waraanni pp bakka tokkotti ajjeesuun gate.

Waraanni murna bilxiginnaa  daa’imman umurii waggaa 16 gadii kan tahan 9 godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti ajjeesan.

 

Gurraandhala 7, 2023 Murni bilxiginnaa ilmaan  akka bineensaatti ajjeesuun hawaasichi du’a jiilee akka diddaa sirnicha irratti hin agarsiifneef rasaasaan akka baalaa harcaasuu itti fufee jira.

 

Godina lixa Shaggar  aanaa  Ada’aa Bargaa magaalaa Mogaritti Sanbata darbe  Guraandhala 4/2023 daa’imman umrii 16 gadii 9 waraana bilisummaa Oromoo deggertu jechuun baadiyaa maatii biraa qabuun buufata poolisiitti erga dararaa turaniin booda mana hidhaa baasanii ajjeesan.

Daa’imma  kun baadiyaa iddoo garaagaraa irraa kan dhufan yoo ta’u, achi keessaa kan maqaa arganne Asheetuu Shuumii daa’ima waggaa 15 ture.

Daa’imman reeffa namootni akka hin kaasne dhorkuun bineensa nyaachisaa jiru.

 

Oduu biraatiin ammoo aanichuma naannoo Warshaa Simintoo Mogaritti waraanni bilxiginnaa reebichaa fi saamichaa kan geggeessaa jiran yoo ta’u, namoota badii malee hidhuunis  qarshii 10,000 kafalchiisanii gadhiisaa akka jiran maddeen keenya nuuf himaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *