Waraanni sirna pp jala jiru hidhannoon gara mooraa qabsoo Oromootti makame.

Waraanni murna bilxiginnaa godina baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyootti dishqaa fi qawwee AKM waliin Arjoo keessatti Turkii 2 qabachuun W3Otti harka kennatan.

Gurraandhala 7, 2023 Caasaan waraana bilxiginnaa lola gatii hin qabnetti hirmaatee aarsaa baasaa jirutti mufachuun kallattii argatan maraan keessaa badaa jiru.

Keessayuu ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irraa dirqiin qabamuun leenjii waraanummaa fudhatanii saba isaanii akka lolanii fi qabsoo bilisummaa Oromoo akka dhabamsiisaniif bobbaafaman qawwee fi hidhannoo murni bilxiginnaa hidhacheese qabachuun W3Otti harka kennatu.

Sanbata darbe Guraandhala 4,2023 tarkaanfii laalessaa Waraanni Bilisummaa Oromoo godina baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo keessatti fudhate haaloo ba’u loltoota hedduu bobbaafaman keessaa ilmaan Oromoo taakiyaa dishqaa ta’an 9 dishqaa tokkoo fi qawwee AKM Turkii 8 fudhachuun waraana faashistii PP irraa citanii W3Otti harka kennatan.

Erga W3O bira ga’anis sababa dhufaatii isaanii yeroo gaafatamanitti, murni bilxiginnaa akeekni isaa Oromummaa cabsuuf finxaaleyyii Amaaraa waliin hojjechaa waan jiruuf sirna godaannisa gadhee saba keenya irratti raawwachaa jiru tajaajiluu hin qabnu jennee qabsoo dhugaa filanne jechuun dubbatan.

Godinuma baha aanaa Arjoo irraas miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 qawwee AKM Turkii 2,boombii 5 fi rasaasa 300 mooraa diinaa keessaa baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiru.

Walumaan galatti miseensotni godina baha Wallaggaa keessatti loltootni bilxiginnaa 11 qawwee fi hidhannoo waliin W3Otti harka kennachuu gabaasni achii nu ga’eย niย addeessa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *