Haalli namoomaa Tigiraay keessa jiru yaaddessaadha jedhe Gamtaan Awurooppaa.
(SQ-Onkololeesa 2,2022)
Waraanni Kaaba Itoophiyaa ji’oota shaniif dhaabate ture deebi’ee ka’uun haalli namoomaa Tigraay keessa jiru haala hamaa tahetti ce’uu Gamtaan Awurooppaa beeksisee.
Gamtaa Awurooppaatti koomishinariin hoggansa rakkoo Jaaneez Leenaariisk waraanni kuni deebisee jalqabuun dura haalli namoomaa sadarkaa yaaddessaara gahee akka ture himuun amma immoo ittuu itti caalera jedhan.
‘’Waraanni kuni deebi’ee jalqabuu hordofee haalli namoomaa Kaaba Itoophiyaa jiru hammaachuu Gamtaan Awurooppaa yaadda’eera,’’ jedhan koomishinarichi.
Waraana akka haaraatti jalqabe kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa’aman akka haaraatti buqqa’aa kan jiran yoo tahu qabeenya jiraattotaafi bu’uuraalee misoomaa irratti miidhaan hamaa gahaa jira.
Waraanni deebi’ee ka’uunsaa dhiyeessi deeggarsa namoomaa irratti danqaa guddaa taheera. Miyooti bu’uuraa, boba’aa akkasumas tajaajilli baankiin Tigraayitti guutummaan guutuutti akkuma addaan citeen kan jiru yoo tahu, naannolee waraanni kuni itti babal’ate Amaaraafi Affaar keessatti rakkoon wal-fakkaataa mul’achaa jira jedhu
Hojjettoonni dhaabbilee tola-ooltotaa naannolee kana keessatti socho’uun rakkisaa gatii taheef bahaniiru.
Kunis buqqaatota naannoo Affaariifi Amaaraa deeggarsa argataniin lubbuu dheerefachaa jiraniif miidhaa guddaa tahuus ibseera
Sababa waraanaan Naannoo Tigraay, Amaaraafi Affaar keessa namoonni miiliyoona 13 deeggarsa akka barbaadan Sagantaan Nyaata Addunyaa himeera.
Dabalataan Itoophiyaan hongeen waggaa 40 keessatti mul’atee hin beekneen waan miidhamaa jirtuuf namoonni miiliyoona 7.4 tahan rakkoo nyaataaf saaxilamaniiru.
Haala seera addunyaa kabajeen qaamoti wal-lolaa jiran dhaabota deeggarsa dhiyeessaniif gufuu tokko malee karaa akka bananiif waamicha dhiyeessaniiru.
Kanamalees qaamoti wal-lolan nageenya namoota nagaa, hojjettoota tola-ooltummaafi dhiyeessii achitti ergamaniif eegumsa gochuu akka qaban gamtaan kuni gaafateera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa erga jalqabe sarbama mirgoota namoomaa mudatan balaalefatee qaamoti hundi hatattamaan mariitti dhiyaachuun waraanicha akka dhaaba gaafateera.