Jala bultii Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee irraa qabee Qeerroo hedduun humnoota tikaa mootummaa PPtiin bakkoota hedduu tti hidhamanii jiru.
(SQ – Onko 02,2022)
Magaalaa Finfinneefi Naannawwaa Finfinnee dabalatee sababa Ayyaana Irreechaaf jecha tikni mootummaa pp Dargaggoo Hunduma Sarbeessa Godina Addaa magaalaa Sulultaa kan ta’e Fulbaana 30,2022 jala bultii kabaja Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee irratti butamee eessa akka jiru hin beekamne. Hanga ammaattis Maatii fi hiriyootni isaas quba hin qaban.
Bifuma wal fakkaatuun Dargaggoo Alamaayyoo Taayyee jedhamus mana jireenya isaa magaalaa Finfinneetii qabamee hanga ammaatti eessa akka buusame hin baramin jiraa jedhu maddeen.
Itti dabaluun Irreecha Hora- har-sadee harโaa irrattis dargaggootni rifeensi isaanii dhedheeraa taโe humnoota hidhattoota mootummaa PPn qabamuu kanneen ijaan argan gabaasaniiru.