Bulchiinsi Muummicha Ministeera Abiy Ahmed fi Partii isaa PPn durfamu erga maqaa “Jijjiirama” tiin aangootti as bahee asi Oromiya Dirre Waraanaa gochuun Saba Oromoo fixaa as ga’uun itti fufuu waan hin qabneef Ummatni Oromoo sirna nama Nyaata kanatti xumura gochuuf ABO waliin akka hiriiru fi deggersa WBOf taasisu dachaan akka itti fufuuf waamicha lammummaa dhiheessina.
12. Jaarmiyaan ABO Amerika Kaaba akkuma himaammata Dhaabichaa waligalaa irratti akeekamee jirutti Waldaalee Hawaasa Oromoo biyya alaa, Jaarmiyaale Siyaasaa Oromoo kanneen walaba ta’an fi Hayyoota Oromoo bifa adda addaan gurmaa’ani socho’an waliin tokkummaa fi gamtaan hojjeechuun murtee miseensotaa ta’uu mirkaneessina.
13. Qabsoo keenya odeeffannoo fi wal-qunnamtii baraneetiin daran utubuuf kanneen nu dandeessisan Miidiyaalee QBO ol guddisuuf tattaafatanii fi arrata ABO kan ta’an kanneen akka SBO fi kan kana fakkaatan qabeenyaan cimsuu fi beekumsaan jajjabeessuu irratti jabinaan ni hojjanna.
14. Buqqai’nsa, ajjeechaa fi faca’ansa Saba Oromoo irratti karaa Finxaleeyyi naannoo Amaraa irra Shifta FANO jedhamuun beekamuun duula wal irra hin citneen waggota shaman darban taasifama as gaheef Mootummaan Itophiyaa fi bulchiinsi mootumma naanno Oromiyaas harka keessa qabaachuun waan ifa ta’eef duguugnsa Sanyi saba Oromoo keessummaa naanno Baha Wallagaa fi Horro guduruu wallaggaa irratti taasifameef qaamotni kun akka mana murtii Yakkaa Addunyaatti (International Criminal Court – ICC) dhihaachuun yakka kanatti gaafatamaniif hojii barbaachisu hunda hojjechuuf murteeffanne.
15. Yakka mootummaan Itophia Oromoo irratti raawwataa jiruu fi waraana Oromia irratti labsamee biyya keenya hogdi lolaa godhee jiru hatattamaan dhaabsisuuf dhiibbaan humnoota Adunnyaa murteessaa waan ta’eef, qaamotni dhimmi kun ilaallatu dhumaatii Oromiya fi biyyicha keessatti akka waligalaatti deemsisama jiru akka dhaabsisaniif Hawaas adunyaatiif dhaamsa hatattamaa dabarsina.
Injifatnoo Ummata Oromoof !
ABOn haa waaru!!
Damee Danataa Siyaasaa fi Jaarma:
Kora Gamtaa ABO Amerikaa Kaaba
Adoleessa 28, 2023 Washington DC