Lixa Oromiyaatti jiraattonni 800,000 ta’an gaaga’ama namoomaatiif saaxilamanuu OCHAn gabaase.
(SQ – Caamsaa 26, 2023)
Rakkoo nageenyaa Lixa Oromiyaa Godinoota Wallagga Bahaa fi Lixaa keessatti uumameen walqabatee lammiileen 800,000 ta’an gaaga’ama namoomaa hammaachaa jiruun miidhamaa jiraachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (UNOCHA)n gabaaseera.
OCHAn ibsa Caamsaa 25, 2023 kaleessa baaseen, rakkoo nageenyaa bara 2020 eegalee tureen walqabatee gaaga’amni namoomaa Lixa Oromiyaa keessumaa godinoota Bahaa fi Lixa Wallaggaatti hammaataa dhufuu hubachiise.
Dubartoonnii fi daa’imman qe’ee isaanii irraa buqqa’an gaaga’ama namoomaa, kan akka maatii irraa gargar bahuu, miidhaa koornayaa, miidhaa qaamaa fi maloota rakkoo dandamachuu miidhaa qaban garagaraatiif akka saaxilaman jaarmaan Tokkummaa Mootummootaa kun hubachiiseera.
Gama biraan rooba waqtiisaa hin eeggatin roobeen walqabatee balaan lolaa heektaara 35,000 irratti mudateen naannoolee Oromiyaa, Somaalii, Sabaa fi sab-lammootaa fi ummatoota Kibbaa, Kibba Lixa Itoophiyaa fi Affaar keessattti badii fi buqqaatii qaqqabsiiseera jedha. Roobnii fi lolaan mudate kun weerara dhibee Kooleeraa mudatee ture kan hammeessu ta’uu gabaasichi eereera.
Erga Hagayya 2022 weerarichi mul’atee hamma Caamsaa 15, 2023tti Onoota naannolee Koleeraan itti mul’ate keessaa 55 keessatti namoonni 7,400 ol ta’an dhibichaan qabaman keessaa 116 du’uu ifoomseera. Buufataaleen fayyaa cufamuun yookiin barbadaa’uun walqabatees namoonni dhukkubaan qabamuu fi duuti dabaluus addeesse OCHAn.
Gaanfa Afrikaatti lammiileen miliyoona 32 ta’an Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessa jiraatan jijjiirama qilleensaatiin hubaman gargaarsa kan barbaadan ta’uu gabaasichi yaadachiiseera.
Kanaan alatti lammiileen haleellaa Onoota Giddaa Ayyaaanaa fi Kiiramuu kessatti uumame dheessuun gara magaala Giddaatti baqatan 30,000 ol ta’an hanqina nyaataa fi tajaajila fayyaa hamtuu keessa jiraachuus Addis Standard dabalatee maddeen adda addaa gabaasaa turuun kan yaadatamuu dha.