Bilxiginnaan haleellaa xiyyaaraa Wallagga lixaa Mana sibuutti fudhateen daa’imni tokko du’uun namoonni saddeet madaa’uun dhaga’ame.
(SQ-Sadaasa 1,2022)
Mootummaan bilxiginnaa kaleessa galgala irraa ka’uun haleellaa xiyyaara nama maleeyyii diroonii fayyadamuun uummata nagaa irratti boombii darbataa jiruun lubbuun namootaa fi qabeenyi uummata miidhamaa jiraachuu maddeen SQ’tti himan.
Haleellaa Diroonii ganama har’a sadaasa 1,2022 Aanaa Mana sibuu magaalaa waamaa toobbaraa ganda 01 keessatti murni bilxiginnaa halkan gara barii naanboo sa’aa 11 :00 irratti taasiseen daa’imni 1 ajjeefamuun namoonni 8 madaa’aniiruu jedhu.
Daa’imni ganna 9 haleellaa diroonii mootummaa bilxiginnaan ajjeefame kun maqaan isaa Bashoo sheek eleman Kan jedhamu yoo ta’uu kanneen madaa’uun kilinika fayyaa naannoo isaanii jirutti yaalamaa jiran ammoo
1,Eliyaas abdulqaadir
2,Sheek jaafar kadir Atoomsaa
3,Mujaahid kadir
4,Naazif Ahimed
5, Samiiraa Adam
6,Qaasim Nagaasaa
7,Qannoo jireenyaa Daa’ima waggaa 8 zaakir Selemaan kanneen jedhaman yoo ta’uu akkasumas Qabeenyi hedduun barbadaa’uus odeeffanneerra.