Qeerroo galateeffadhaa!” Jedhu. Ee, Qeerron galata qaba.

Qeerroo galateeffadhaa!” Jedhu. Ee, Qeerron galata qaba. Fincila Qeerrootin hunduu bakka har’a jiru gahe.
ABOfi qeerroo adda baasaanii dhiyeessun garuu, Qeerroos ta’e qabsoo Oromoo wallaaludha.

Fincila diddaa gabrummaa kan labsee, qeerroo ijaaree sirnaan kan boobbaase, qajeelfama tolcheefi kan taliige ABO dha. Qeerron bilisummaa Oromoo “Manifeestoo” qaba, sana kan bareesse ABO dha.
Anatti sochii Qeerroo himuuf kan rakkatu jira, warra waggaa afran kana FB yaada kennachuu jalqabe. Obboleesso, ani akka warra biraa “warraaqsa Qeerroo anatu ijaare, hoggane,…!” hinjenne, hinjedhus. Garuu warraaqsa Qeerroo keessan ture, qooda koos fuul-dura hiriiree bahachaa ture. Dhalootni sinaaperiifi kilaashii dura dhaabbate sun kan ani qaaman keessa tureedha. Oduun miti, himaafi ololaan miti, hadhaa fi gidiraa qabsoon qabdu jiraadhen arge. Ittan cabe, ittan dhiige, Qeerroo baayeetus na biratti, na waliin kufe.
Warraa miidiyaa irraa xirqaanaa turef, warra gamoo irra taa’ee Diraaftii dhugaa gad-nu ilaalaa tureef, taaten sun seenaadha, ittii dubbii miidhagfatu. Nu warra waan sana keessa darbeef garuu madaadha, godaannisa, lafa cabne saanan ammaayyuu ni hokkolla.
Qabsoo Qeerrotiin dhaadachaa kan ABO xiqqeessuf dhama’u shiramaadha. Warra waan sirnaan ijaarametti abbaa ta’uuf jecha sirna dhabsiise.
Warraqsi Qeerron moggaasa, ijaarsa, taliiga ABOti. Kun haqa lafa jiru, warri keessa jiraannee lubbuu oolles ragaa jiraataadha( a living witness), warra reefu waan qabsoo Oromoo dhagahe, barsiisun dirqama keenya!
Qabsoo qeerro lallaba Raabaa-Doorii qofa hinturre. Dhugaadha isaanis gahee mataa isaanii taphatanii jiru, baras walumatti irkifataa turre, har’a wal-aaluufi wal-xiqqeessun dhufe malee. Haa ta’uuti, Qeerroo lafa irratti wareega hadhooftuu baasetu jira. Kan seenan isaa yaadatamuu hinbarbaadamne, kan hanga har’aa mana hidhaatti irraanfatame, kan qaamaa hir’atee ba’aa maatii isaa qofa ta’e, kan hojiirraafi barnoota irraa buqqa’ee kadhataa ta’ee karatti hafe… baayeedha.
Warri waan hunda ofiin waamu fedhu, waan kana dhagahuu hinbarbaadu. Irra deebi’een jedha, wal-buufnee, wal-xiqqeessun iriguu hingeenyu!
ABO mallattoo gootummaa, madda Sabboonummaa Oromooti. Qabsoo diddaa Oromoo bifa ammaayyaati akeeka tolcheefii, Guutummaa Oromoo waaltessee kan sabaatti warraaqse ABO dha. ABOn Oromoofi Orommummaaf seenaa kitaaba heddu bahu dalagee jira, ammas dalagaa jira.
Warreen jaarmiyaa kana xiqqeessinee, dhageettii isaas haguugnee, hoggana isaa dhukkaamsinee, seenaa isaa oolgun addatti mul’anna, qabsoo Oromootti qofatti mataa taana jettanii yaaddanii ” ilmaan arrabsoon” qofa arrabni isaanii qarame miidiyaa hawaasummaa kana irratti bobbaaftan, gocha farrummaa kana irraa dhaabbadhaa!
ABOn akkuma jedhame, gaaraa, dhiibanii hinjigsan. Dhaabni kun akkuma jedhame, Biiftuudha, namuu harka isaan haguuguu hindandeenye, hindanda’us! Seenaa cululuqaa eelan baraa hinballa’eessine qaba.
Waan ta’eef, ABO irratti huuraa burca lagaafi gandaa guuranii afaan bansiisuu irraa of-qusachuun gaariidha.
Yeroo hogganni isaa hidhamee, sichiin walabaa jaarmiyaa ugguramee jirutti, duulli qindaawaan maqa-balleessii deemaa jiru kun, abbaa duuba jiru gatii kagalchiisa. Miiltoo qabsoo dhiisiitii, diina ofiituu yeroo rakkina isaa itti hinduulamu, safuudha!
Barri kunis qabsoo hadhooftuu sabni keenya itti jiruun dhiyootti ni darba, warri jechoota alagaattin nurratti duulaa jirtan, seenan isin gaafata!
Sagalee nuuf ta’uun hafee, qixa alagaa, duula shufuroo qindeessun gantummaadha!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *