Mootummaan Bilxiginnaa Hooggantootaa,Miseensotaa fi Deeggartoota ABO Hidhuu cimsee itti fufee jira.

Mootummaan Bilxiginnaa Hooggantootaa,Miseensotaa fi Deeggartoota ABO Hidhuu cimsee itti fufee jira.

(SQ-Hagayya 16,2022)

Mootummaan Bilxiginnaa Hooggantoota,Miseensotaa fi deeggartoota ABO badii tokko malee hidhuu itti fufe.
Guyyaa kaleessaa Hagayya 15,2022 waraanni Bilxiginnaa Godina Buunnoo Beddellee magaalaa Baddellee irraa miseensota ABO kanneen ta’an Obbo Gabbisaa Dhaabaa, Obbo Fallaqee Asaffaa fi Obbo Geetanee kanneen jedhaman badii tokko malee mana isaanii fi bakka hojii isaaniiti qabani hidhuu maddeen SQ nuuf himan.

Ittuma fufuun Hagayya 14/2022 Waraanni Bilxiginnaa Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Goree keessatti Abbaa seeraa kan ta’an Miseensa ABO nama maqaan isaanii Obbo Darajjee jedhamu badii tokko malee hidhuu Maddeen keenya nuuf himani jiru.
Haaluma wal fakkaatuun guyyaa 4 dura jechuun Hagayya 12/2022 Waraanni faashistii Bilxiginnaa Godinuma Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Mattuu keessatti miseensota ABO maqaan isaanii
Obbo Dabalaa Kabbadaa
Obbo Masqaloo Badhaasaa
Obbo Geetuu fi
Obbo Gammachuu

jedhaman badii tokko malee jumlaan hidhuudhaan gidirsaa jiraachuu odeessi arganne ifa godha.

Mootummaan faashistii Bilxiginnaa Hoogganoota fi Qondaalota, Miseensota fi deeggartoota ABO badii tokko malee hidhuu jabeessee itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *