Warri waraana Itoophiyaa keessatti hirmaatan hunduu dhiittaa mirga namoomaa raawwataniiru jedhe dhaabbani mirga namoomaaf falmu Amnastii International.
(SQ-Onkoloolessa 30,2022)
Waraana kaaba Itoophiyaan walqabatee dhiittaan mirga namoomaa yakka sanyii balleessuu gadi hin taane raawwatamuu jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falman gabaasaa turan.
Waraana kaaba Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jiru irratti kanneen hirmaatan hundinuu yakka dhala namaa irratti raawwataniiru jechuun falmaan mirga namoomaa idil addunyaa Amnastii Intarnaashinaal ibse.
Amnastiin kaleessa (Kamisa 27,10,2022) magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kenneen, raayyaan ittisaa Ityoophiyaa fi Eertiraa, humni Tigraay, humni addaa Amaaraa fi milishoonni Faannoo sarbama mirga namoomaa hamaa raawwachuu isaanii ibseera.
Ibsa gaazexeessummaa kana keessatti qorataa Gaanfa Afrikaa kan ta’e Fissahaa Takilee; ”Erga waraanni jalqabee dhiittaa mirga namoomaa hamaa yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti raawwatamuun wal qixa ta’uu danda’u argineerra,” jedhe.
Fissahaan akka jedhutti yakkoota waraana raawwataman kanneen keessaa ”gudeeddii fi miidhaa saalaa gara jabinaa biroo” eeruun ni danda’ama.
Waraana kaaba Itiyoophiyaa keessatti yakki dhala namaa irratti raawwatame yakka duguuggaa sanyii waliin kan wal gitu ta’uu gabaasaaleen kanaan dura ba’aa turan.
Godambaan Yaadannoo- Holocaust Ameerikaatti argamu, naannoo Tigraay keessatti yakkoota dhala namaa irratti raawwatamuu fi duguuggaa sanyii baayโachaa dhufuun guddoo yaadda’uu ibseera.
Godambaan kun Kibxata Waxabajjii 15, 2015 (ALI) akka ibsetti, humnoota Ertiraa fi humna addaa naannoo Amaaraan deeggaramuun waraanni Itoophiyaa magaalota ijoo Tigraay qabachuun, nageenya jiraattota nagaa Tigraay balaaf saaxilaa jira.
“Gabaasa ajjeechaa mallattoo duguuggaa sanyii ta’e, ajjeechaa jiraattota nagaa irratti xiyeeffatee raawwatamu, haasaa jibbiinsaa, jumlaan hidhuu, akkasumas itti yaadanii beelessuun namoota jumlaan adabuu.” babal’achaa jira,” jedheera ibsi kun.
Ibsa godambaa kanaa hordofuun, Imbaasiin Ityoophiyaa fi Eertiraa Ameerikaa keessa jiran gabaasa kana cimsanii qeeqan.
Imbasiin Itoophiyaa Ameerikaa jiru ibsa Godambaa Yaadannoo-Holocaust kanaan, ”ittigaafatamummaa kan hin qabnee fi holola sagalee garee shororkeessaa TPLF dhageessisuuf kaayyeffatedha,” jedhe.
Imbaasichi akka jedhetti godambaan kun ”ragaa malee sagalee TPLF dhageessisuun dura” ragaa qabatamaa walitti qabuu qaba ture,” jedhe.
Dhiittaa mirga namoomaa waraana kaaba Itoophiyaa keessatti raawwatame qorachuuf jecha Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa fi Komishiniin Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii qorannoo waloo akka gaggeessan haala mijeessuun mootummaan kutannoo isaa agarsiiseera jedhe.
Haala walfakkaatuun Ameerikaatti Imbaasiin Ertiraas gabaasa godambaa kanaa mormuun ibsa qabiyyee walfakkaataa qabu baaseera.
Imbaasichis gabaasi kun “holola maqaa balleessii TPLF tumsuuf raawwatameedha,” jedhe. Imbaasichi gabaasi qorannoo walabaa osoo hin gaggeessin ba’e kun akka irraa ka’u gaafateera.