Iluu Abbaa Booraaf Shawaa Kaabaatti Waraanni PP namoota lama ajjeese.
(SQ-Onkoloolessa 27,2022)
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaaa Noopha ganda Ulmayyaatti guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 26, 2022 waraanni PP dargaggoo Balaachoo Wadaajoo jedhamu, “maaliif rifeensa guddiffatte, ati shaneedha” jechuun rasaasa itti roobsuun ajjeesuu Maddeen keenya nuuf himan.
Dargaggoo Balaachoon badii tokko malee sababa rifeensa kee guddifatee jedhun akka bineensaatti ajjeefame jechuun miira gaddaan dubbatu .
Oduma wal fakkaatuun Godina Shawaa kaabaa aanaa Hidhabuu Aboote ganda weluu mojootti Milishaa gandichaa kan ta’e Asmaara Alamuu namnni jedhamu Obbo Tasfaayee Daadhii cubeen waraanne ajjeese jedhu maddeen.
Akka Namoonni argan jedhanitti sababni ajjeechaa kana ilmi Kee bosona Jira, shanee waliin hariiroo qabda jechuun yakka tokko malee nama nagaa ajjeesan jedhu.
Sabni Oromoofi lammilee Oromiyaa sababa waraana Bilxiginnaaf bahanii galuun yaaddoo itti ta’eera.