Qabssaahaan irbuu gane haala ofitti hammeessee hiree isaa komachuu eegala.

Qabssaahaan irbuu gane haala ofitti hammeessee hiree isaa komachuu eegala.

Gurraandhala 23-2-2023.

Qabsaahaan kaayyoo irbuu itti seene ganee hiree fi haala isa muudateef muudaa xixiqqoo kan komee fi hamii of keessaa qabduun karaa hin malle deemuu eegala.

Haalli maqaa jijjiiramaatiin hiree ganamaa fi imala adeemsa kaayyoo bira gahuuf bu’aa ba’ii muudatu ofirraa gabaabsuuf jecha sharafa siyaasaatti dhimma bahuudhaaf hegeree ofiis kan galma kaayyoo walabummaa biyyaa gatii dhabsiisuun gantummaadhaaf saaxil of baasaa turan.

Gadaa sadanii fi afran darban keessatti jijjiiramootni dhalatan kan wareegama hanga isaa tilmaamuun nama rakkisu kan argame tahullee guduunfaa isaa akka ayyaan-laallattootni furgaasan kanneen haaduu qar-lamee tahaniin irbuu ganamaa dagatanii diinaaf haala aanjessuudhaan injifannoo mooraa QBO hankaaksaa turan ammas sochii eegalanii jiru.

Jijjiirama as dhihoo gantoota aangootti baase baroota shanan darban kanneen wareegama hin malleef saaxilaman qabsaahootni hedduun weerara sammuu isaan muudateen beekaas tahe osoo hin beekin irbuurraa jallatanii haala ofitti hammeessuudhaan hiree isaanii komachaa turan gidduu kanas sharafa siyaasaa keessa galuuf gabaan gaggaba fedhii isaanii hin guutne dhaabbataa jiran bituu fi gurgurachuu akka hin dandeenye Dungoon Siyaasaa isaan yaadachiisuun dhaamsa isaaniif dabarsee yaada isaa guduunfa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *