Namootni 7 midhaan nyaatan dhabanii Godina Booranaa aanaa Taltalleetti lubbuun darban.

Godina Booranaatti hongee mudateen lubbuu namoota darbaa jiraachuun beekame.

 

Guraandhala 23/2023

Hongee Godina Booranaatti mudateen horsiisee bulaan miidhaa beelaa fi bishaaniin miidhamaa jiraachuun beekame.

Godina Booranaatti waggoota lamaan darbanitti hongeen haala hin beekamneen naannichatti mudate loowwan Booranaa lakkoofsaan miliyoonatti lakkaamayan caalanitti kan jalaa galaafate yoo tahu yeroo ammaa immoo ummatni godina Booranaa keessa jiraatu waan nyaatee dhugu dhabee yeroo ammaa mana isaanii keessatti du’aa jiraachuu fi kanneen lafaa ka’uu dadhabanii gargaarsaan ka’an illee jiraachuu beekameera.

Jiraattotni godina yeroo ammaa gargaarsa Oromoota naannoo biroo fi tattaaffii namoota dhuunfaan biyyoota alaa fi keessaan ummatni lubbuu isaa tursachuuf carraaqaa jiraatanis yeroo ammaa gargaarsi ummatni godhaaf jiru gaha tahuu irraa kan hafe lubbuun namoota hedduu balaa beelaan waan nyaatu dhabanii lubbuun isaanii darbaa jiraachuu gabaasaaleen bahaa jiran ni mul’isu.

Akka gabaasaaleen Godina Booranaa Aanaa Taltaallee irraa bahaa jiru mul’isutti lubbuun namoota 7 balaa hongeen waan nyaatan dhabanii darbuun kan mirkanaaye yoo tahu aanota godina Booranaa biro keessatti namootni waan nyaatanii fi dhugan dhaban hedduun qarqara du’aarra kan jiranii fi gargaarsi namootni godhan irratti dabalatee mootummaan yoo saffisaan hin gargaarre Ummatni Booranaa akkuma saawwan isaanii miliyoonaan dhaban jiraattotni naannichaas lubbuun isaanii dhabamaa jiraachuu odeessaaleen arganne ni ifoomsu.

Yeroo ammaa kanas jiraattotni Godina Booranaa ofii waan nyaatan hin qabne loowwan isaanii lubbuun jiran osoo ijaan arganii akka isaan hin duuneef mana jireenyaa isaanii  citaa irra aijaarame diiganii nyaata loowwanii gochaa akka jiranis suuraaleen naanniichaa arganne ni mul’isa.

Mootummaan afaan qawween biyya bulchaa aangoo isaa tiksachuuf humnoota waraanaaf dargaggoota ilmaan hiyyeessaa goyyoomsuun gara waraanaatti naquun lolaaf qopheessu ummata Booranaa balaa hongeen dhumataa jiru akka mil’atus jiraattotni godinaalee adda addaa ni dhaamu,

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *