Horroo Guduruu Wallaggaatti Waraanni Bilxiginnaa Dargaggoo tokko mana hidha baasun ajjeessan.
(SQ-Hagayyaa 7,2022)
Hagayyaa 5,2022 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Habaaboo Guduruu wajjiraa Poolisii Magaalaa Daduutti hidhame kan ture Dargaggoo Habtee Biraanuu poolisoota magaalichan halkan sa’a 2:30 irratti mana hidha keessa baafamun ajjeefamu maddeen SQtti himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Poolisoonni Magaalaa Daduu Dargaggoo Habtee erga mana hidha baasani ajjeessani booda reeffa isa alatti gatun akka waan hidhama kan biraan wal lolee ajjeefamee fakkeessuun uummataa fi maatii isaa soba jiru jedhu.
Oromiyaa guutuu keessatti hidhafi ajjeechan jabaate akkuma itti fufeetti jira.