Hawaasni Oromoo biyya Awustaraliyaa guyyaa WBO fi bara haaraa kabajatan

Hawaasni Oromoo biyya Awustariyaa Waggaa Haaraa fi Guyyaa WBO Kabajatan.

Miseensotni fi deggertoonni Adda Bilisummaa Oromoo Amajji 12/2025 magaalaa Melbourne keessatti ayyaana waggaa haaraa fi guyyaa WBO kabajan.

Ayyaanni kun eebba maanguddootaatiin eegalame booda gootota qabsoo bilisummaa Oromoof yaadachuun kabajeera .

Kabaja guyyaa WBO fi bara haaraa kan airratti Dura taa’aan ABO Victoria Konyaa Jaal Daanyee Dafershaa fi Dura Taa’aan Kutaa ABO Jaal Toofiq Abdushikur ergaa dabarsaniiru

Itti aanaan dura taa’aa Adda Bilisummaa Oromoo duraanii Jaal Bultum Biyyoo akka jedhanitti, cunqursaa fi jal’ina hubannoo fi kutannoon qabsaa’uun barbaachisaa dha jechuun “Akkasitti waliin kabajuuf gumaachi keessan guddaadha. Kunis gara fuulduraattis cimee itti fufuu qaba” jedhan.

Miseensi Adda Bilisummaa Oromoo fi Miseensi Shanee Gumii Jaal Gaashuu Lammeessaa gama isaatiin haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo hirmaattotaaf ibsaniiru.
Jaal Gaashuun “Diinni karaa adda addaatiin Adda Bilisummaa Oromoo gufachiisuuf duulli itti fufiinsaan godhus, Addi Bilisummaa Oromoo humna qabsaa’otaan obsee itti fufeera” jedhan.

Ayyaanni guyyaa WBO fi waggaa haaraa bara 1980 irraa eegalee mooraa qabsoo Oromoo keessatti kabajamaa ture ammmas kabajamaa jiraachuus yaadachhiisaniiru.

Dhuma irraatti hawaasni kabaja guyyaa kanaa irratti argame Gargaarsa maallaqaas Adda Bilisummaa Oromoof gumaachameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *