Humnoonni waraana Tigraay keessatti hirmaatan hunduu yakka waraanaa raawwataniru jedhan Antoonii Bilinkan

Humnoonni waraana Tigraay keessatti hirmaatan hunduu yakka waraanaa raawwataniru jedhan Antoonii Bilinkan

(SQ-Bitootessa 21,2023)

Humnoonni waraana Tigraay keessatti hirmaatan hunduu yakka waraanaa raawwachuu US mirkaneeffatteetti jedhan Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkan.

Dubbiin Biliinkan kuni eega torban darbe Itoophiyaa daawwatanii deebi’an booda dhagahame.

Kanneen waraana keessa qooda fudhatan: miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Loltoota Ertiraa, hidhattoota TPLF fi humnoota naannoo Amaaraa yakka waraanaa raawwataniiru jedhan.

Himannaa Bilinkan kanarratti gama mootummaa Itoophiyaa, Ertiraa fi TPLFn hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggoota lamaaf tureen lubbuun kumaatamaan lakkaa’amu darbeera, kuma dhibbaan kan lakkaa’aman beelaaf saaxilaman, miiliyoononni ammoo qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru.

Miseensonni Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa, Humna Ittisaa Ertiraa fi hidhattoonni Amaaraa Tigraay keessatti yakka namoomaa kanneen akka hiraarsuun ajjeesuu, gudeeduu fi yakka saal-quunnamtii gosa kaan raawwatan jedhan Aab Bilinkan.

Rooyitarsi akka gabaasetti Antonii Bilinkan miseensonni hidhattoota Amaaraa Lixa Tigraay keessatti dhalattoota Tigraay irratti dararaa hamaa raawwachuun, dhalattoota Tigraay naannicharraa dhabamsiisuun yakka hamaa raawwataniiru jedhan.

Antoonii Bilinkan daawwannaa hojii torbee darbe Itoophiyaatti taasisaniin adeemsi waliigaltee nageenyaa hojiirra oolchuu jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Haa ta’u malee, nageenya waaraa fiduuf dhimmoonni irratti waliigalanii hin raawwatamne akka jirus himani.

Itoophiyaa Carraa Daldala Qaraxa Irraa Bilisaa (AGOA)tti deebisuufsi hojiirra oolmaan waliigaltichaa murteessaa ta’uu eeran.

Daawwannaa sanaan haala jiru hunda erga sakatta’anii booda yakki waraanaa raawwatamuu ibsan.

Antoonii Bilinkan erga waraanni kaaba Itoophiyaatti eegalee qondaala olaanaa US yeroo jalqabaaf Itoophiyaa daawwataniidha.

Mootummaan Itoophiyaa fi humnoonni Tigraay waraana waggoota lamaaf dhiiga dhangalaasaa ture marii nagaan furuuf waliigaltee nagaa kan mallatteessan Sadaasa darbe ture.

Dubbi himtuun Ministira Muummee Abiy Ahmad Billane Siyyum, Bilinkan qaamolee lameenuu waliin wayita mari’atan yakki waraanaa raawwatamuunsaa amanamee qaamni yakka raawwate itti gaafatamuu akka qabu cimsanii dubbataniiru jette.

Waraana kanaan dhiittaan mirga namoomaa, ajjeechaan murtoo seeraa malee, gudeeddiin, saamichi, humnaan buqqaasuun akka raawwatame dhaabbilee mirga namoomaan ibsamaa ture.

Qaamoleen waraanicha keessati hirmaatan hunduu garuu himannaa kana ni haalu, ofirraa dhiibu.

US loltoonni mootummaa Itoophiyaa fi humnoonni Ertiraa akkasumas hidhattoonni naannoo Amaaraa tibba waraana Tigraay yakka dhala namaarratti raawwachuu adda durummaan ibsaa turteetti.

Itoophiyaan garuu himata Ameerikaa kanaan giddu-seentummaa fi birmadummaa biyyaa sarbuu maqaa jedhuun ofirraa ittisaa turteetti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *