Barattoonni Oromoo Yuunversiitiifi manneen barnootaa adda addaa keessa jiran mormii dhageessisuun uummata isaaniis sagalee ta’uu itti fufaniiru.
<Sagalee Qeerroo Mudde~6/2022>
Ajjeechaa gara jabinaa hidhattoonni Amaaraa kan mootummaa Federaalaan deeggaraman Oromiyaa Godinaalee adda addaa Wallagga Bahaa, Horro Guduruu fi Baha Shaggar keessatti uummata Oromoo irratti raawwatan balaaleffachuudhaan barattoonni Oromoo sagalee mormii dhageessisaa jiru.
Haaluma kanaan Yuunversiitii Amboo, Yuunversiitii Dirre Dhawaa, magaalaa Finfinnee keessaa mana barumsaa Waaqoo Guutuu, Yuunversiitii Haramaayaa fi manneen barnootaa hedduu keessatti mormiin geggeeffamaa jira.
Yuunversiitii Amboo fi Kotobeen nyaata lagachuudhaan mormii dhageessisaniiru.
Ajjeechaa humnoonni kun raawwataniin Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu fi Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guutee keessatti namoonni dhibbootaan lakkaa’aman ajjeefamanii kaanis qe’eerraa buqqa’anii qabeenyi isaaniis saamameera.
Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee fi Amuru keessattis bifuma wal fakkaataan miidhaan guddaan uummata Oromoorra ga’ee jira.
Godina Baha Shaggan Aanaa Boosat keessattis miidhaa humnoonni kun geessisaniin uummanni qe’eerraa buqqa’ee rakkoof saaxilameera.
Kana balaaleffachuudhaan Oromiyaa keessatti sagaleen mormii dhaga’amaa jira.