Yuunversiitiin Finfinnee Waardiyyoota Oromoo hojii irraa ari’uun har’a Waardiyyootaa Sabaan Amaaraa ta’aan qofaa mooraa galchuun dhagaa’ame.
(SQ-Ebla 23,2022)
Ganama Har’a Ebla 23,2022 hogganoonni Yuunversiitti Finfinnee Waardiyyootaa Sabaan Oromoo ta’aan kanneen kanaan dura mooraa sana keessa hojjechaa turan guutummaatti hojii irraa ari’uun Waardiyyootaa Sabaan Amaaraa ta’an mooricha galchuu barataan Yuunversiitii Finfinnee tokko SQtti hime.
Uffata waardiyyoota kanneenii irratti alaabaa Lummuxxii ta’ee kan Minilik irratti manxansuun mooraa seensisaan jedhu tibba darbee waraqaan arrabsoo Saba Oromoo irratti xiyyeeffatee mooricha keessa faca’uun walqabate mormii barattoota Oromoon alaabaan lummuxxiin Yuunversiitii Finfinnee keessatti akka hin qabanne , akkasuma Naxalaa irrattis akka hin maxanfanne buulchiinsii Yuunversiiticha beeksisa baasun dhorke ture.
Har’a garuu Hogganoonni Yuunversiitii Finfinnee seera sana ofii isaanii cabsuun uffata Waardiyyoota habashaa irratti alaabaa lummuxxii maxxansuun mooricha galchan jedhu. Bulchiinsi Yuunversiitii Finfinnee itti yaadee dubbii xuxxuqachaa jira kan jedhan maddeen keenya sababa ga’aa tokko malee Waardiyyoota Oromoo ta’anis hojii irraa ari’aa jira jedhu.
Waardiyyoota Yuunversiitii Finfinnee keessaa ari’aman sababa hojii irraa geeggeefamuu isaanii yoo gaafannu dheengadda dhaabbati kanaan dura mooraa eega ture kan abbummaan Isaa Oromoo ta’e haa ka’u mooraa Poolisii Feederaalaatu eega jedhan jedhu, haa ta’uu malee Buulchiinsi Yuunversiitti Finfinnee harka lafa jalan Waardiyyoota sabaan Amaaraa qofa ta’aan qopheessuun har’a mooraa sana galchee jira jedhu.
Waardiyyoonni kanaan dura mooricha eega turan kan Sabaan Amaaraa ta’an moorichumatti hafaanii hojii isaanii itti fufuu kan nuuf himan maddi keenya Waardiyyoonni Oromoofi saba kan bira taane garuu gaaffii tokko malee hojii keenya irra geeggeeffamne jedhu.
Yeroo Waardiyyooti Amaaraa uffata isaanii irratti alaabaa lummuxxii qaban mooraa seenaan barattoonni Amaaraa gammachuun bakka balbala shanaffaa jedhamutti sirba oolan jedhun.
Buulchiinsi Yuunversiitii Finfinnee shira gudda barattoota Oromoofi saboota kaan irratti rawwaachaa jira kanaaf uummanni Oromoo akka quba nuuf qabaatu jechuun dhaamsa dabarfatan.