(SQ-Bitootessa 26,2022)
Kora sabaa 2ffaa KFO irratti kan hirmaatan Miseensi Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO jaal jabeessaan, haasawa taasisaniin haala hamaafi rakkisaa kana keessatti nama kora sabaa gegeeffatu baga taatan jechuun hariiroon KFO fi ABO, kan waggoota dheeraatti jedhan.
Hariiroo waggoota dheeraa qabaachuu keenyaan Saboonni biyyatti akka Dhaaba Lakkuutti nu ilaalu jechuun qaawwaa KFO,n hin argine ABO,tu duucha, kan ABO,n hin argine Ammoo KFO,tu duuchaa ture haala kanaan waliin hojjechaa turre jedhan.
KFO fi ABO,n seena hidhamuu fi dararamuu heddu keessa waliin darbaniiru. Korri sabaa kun hariiroo ABO fi KFO giddu jiru daran akka jabeessu ABO,n Abdii qabas jedhan.
Miidhaan KFO irra ga’u ABO hin hanqatu, Kan ABO irra ga’us KFO hin hanqatu kan jedhan jaal jabeessaan wareegama artist Haacaaluu Hundeessaa booda misootaa fi qondaalota paartilee lammeen kanaatu mana hidhaatti guurame yoo jenne nun sobsiisus jedhaniiru.
Tumsaa Miseesonni KFO Hoggannoota ABO hidha jiraaniif gocha turaaniif caarraa kanaan galateeffachuun barbadaa kan jedhan jaal Jabeessaan Korri Sabaa 2ffaa KFO kan milkii ,injifannoo akka ta’uu hawwanniru!