Mootummaan Bilxginnaa Oromiyaa qarqaarsa NGOn Score Booranaaf kenneefi kaan rammadan uummataa dhorkachuun dhagaa’ame.

Mootummaan Bilxginnaa Oromiyaa qarqaarsa NGOn Score Booranaaf kenneefi kaan rammadan uummataa dhorkachuun dhagaa’ame.

(SQ-Ebla 6,2022)

Sababa Hongeettin Uummanni Boorana rakkoo hamaa keessa jiraachuu yeroo adda addatti gabaasa ture. Mootummaan Bilxginnaas uummataa hongeefi beelaan miidhameef dirmachuu dhisun uummatichi akka malee akka miidhamuu taasisera.

Tibba kana mmoo Bilxginnaan Naannoo Oromiyaa uummataa Booranaa irra deeggersaa NGO fi Mootummaan Federaalaa jedhamu ramadee akka uummata hin qaqqabne dhorkuun rakkoo irratti rakkoo dabalataa uummataa irran ga’aa jiraachuu maddeen SQ nuuf himan.

Akka maddeen keenya jedhanitti qarqaarsa NGO Score jedhamu midhaan Kuntaala 30,000 ol Uummaata Booranaaf kenne Bilxginnaa Oromiyaa uummataa dhorkachuun Faranjii qarqaarsa sana geesse sodaachiisun ari’aan jedhu. Kana malees qarqaarsa Mootummaa Federaalaa jedhamu Uummataa Booranaaf ramade Bilxginnaan Naannoo Oromiyaa mallateesse fudhu didun uummanni akka beelaan dhumu gochaa jiraas jedhu.

Oduuma walqabatuun Godina Booranaatti manneen barannootaafi bu’uuraleen hawaasaa kanneen biroo haga cufamanii ganna 3eessoo guutanii jiru. Godina Gujii Bahaa keessaattis yo diqqaate aanaaleen 4 qixxee cufiisaa jiru jedhu sababa manneen barnoota kunneen cufamaniifis daba Bilxginnaa Naanoo Oromiyaan jedhu madeen SQ.

Godina Boorana Dirree keessaatti Manneen Barannoota hedduun sababa Hongee (oolaatiif ) cufamanii turan. Hanga tokko barsiisootni meeshalee barannootaa qabatanii ummata gula godaanuun ummata qarqaaraa turaniiru.

Haa ta’uu malee Bilxginnaan naannoo Oromiyaa barsiisoota bona kana keessaatti gaaddisa malee aduu keessa deemanii ijoollee barsiisaa jiran waraana kaabaatiin qarqaarraa jechuun miindaa 100% irraa ciruun; barsiisonni jiraachuu dadhabanii manneen barumsaa cufamaa jiru.

Yeroo kanatti biyyatti keessatti qaalayiinsii jireennaa akka malee olkayeera. Waantoonni dhala namaaf barbachiiso ta’aan hundu akka malee dabalee jira.

Yeroo kanatti barsiisootni qaraa danfa ofiitiin bultu, yo danfa isiillee dhowwan akkamiin barattoota barsiisuu mitii, ofiiyyuu jiraattu ? Jedhu maddeen. kanaaf Bilxginnaan naannoo Oromiyaa Miindaa barsiisoota gad dhiisufi qabas jedhu.

Bilxginnaan Oromiyaa Uummataa Boorana haloo qabate jira kan jedhan maddeen keenya Accoun gargaarsa Uummataa Booranaaf Dargaggoonni Siidama bananiis Bilxginnaan Oromiyaa cufsiise jira jedhu. Kanaaf Uummanni Oromoo rakkoo uummanni Boorana keessa jiru kanaaf sagalee nuuf ta’aa jechuun dhaamsa dabarsanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *