Faannoon Shawaa Bahaatti Ambulaansii gube.
(SQ-Ebla 21,2022)
Waajjirri dhimmoota kominikeeshinii Godina Shawaa Bahaa fuula miidiyaa hawaasaa isaan akka gabaasetti Kibxataa darbee Ebla 18, 2022 Ambulaansiin Godina Harargee Bahaa aanaa Gursum irraa gara Adaamaatti imala turtee halkan keessaa saโaatii 11:00tti shororkeessaa Faannoon gubatte jedhe.
Humni kun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat Ganda Qaawwaa bakka addaa Hayaa Boolee jedhamutti namoota ambulaansii keessa jiran 4 keessaa 2 irratti miidhaa salphaa geessisuullee dhagahamera Namoonni miidhaan irra gahe lubbuun hafuun hospitaalaa Adaamatti yaalamaa jiru jedhu.
Humni shororkeessaa Faannoo jedhee of waamu kun yeroo darbe Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee Ganda Xuxxuuxii bakka Qorkee jedhamutti milishoota Oromiyaa haleeluun 30 ol ajjeesuun qabeenya saamuun ni yaadatama.