Dhaabbanni Mirga Gaazexeessitootaaf Falmu CPJ’n Gaazexeesitooni ONN Dassuu Duulaaf Biqilaa Amanuu himati isaanii adda citee akka hidharra akka ba’aan gaafate! (SQ-Caamsaa 3,2022)

Dhaabbanni Mirga Gaazexeessitootaaf Falmu CPJ’n Gaazexeesitooni ONN Dassuu Duulaaf Biqilaa Amanuu himati isaanii adda citee akka hidharra akka ba’aan gaafate!

(SQ-Caamsaa 3,2022)

Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ’n guyyaa walabummaa pireesii ilaachisuun ibsa Caamsaa 2,2022 baaseen mootummaan Itoophiyaa gaazexeessitoota ONN akka hiiku gaafateera.

Dassuu Duulaafi Biqilaa Amanuu, ‘’himata isaanii addaan kutuun atattamaan gadi haa lakkisu, akkasumas kanneen hojii pireesii hojjetan irratti xiyyeeffachuu haa dhaabu,’’ jechuun gaafate.

Gaazexeesitooti kunneen”Bulchiinsa Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa ABOfi KFO’n hundaa’etti” hidhata qabu jedhamanii akka shakkaman CPJ’n abukaatoo isaanii eeree ibse.

”Himannichaan balleessaa raawwachuun yoo mirkanaa’e hidhaa waggaa sadii, umrii guutuufi du’aan adabamuu kan dandeessisu dha,’’ jedha ibsi CPJ abukaatoo isaanii eere kuni.

Gaazexeessitoonni kunneen miseensota ABO kaan waliin guyyoota muraasa dura ‘mootummaa fonqolchuf socho’aniiru’ jedhamanii himanni irratti banameera.

”Hidhaa ji’ootaaf akkasumaan taasifameen booda, gaazexeessitoota Itoophiyaa Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu himannnaan adabbii du’aa qabaachuu danda’u irratti banamuunsaa baayyee rifachiisaa dha.

”Qondaalotni ragaa qabatamaa dhiyeessuuf yeroo gahaa otoo qabanii ji’ootaaf otoo hin dhiyeessiin hafuun isaanii himanni kan haaloo bahuu akka tahe saaxileeraa,” jedhan sagantaa CPJ Afrikaatti qindeessituu kan tahan Anjeelaa Kuwintaal, Niiw Yoork irraa.

”Dassuu fi Biqilaan haal-duree tokko maleefi atattamaan gadhiifamuu qabu, warreen isaaniin hidhaa tursan sirna haqaa sarban, itti gaafatamuu qabus,” jedhaniiru.

CPJ’n nama miidiyaatti dhihaate yaada kennu, xiinxalu, odeeffannoo dhiheessu gaazexeessaadha jechuun ibsa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *