Ada’aa Bargaatti Waraanni Bilxiginnaa namoota 30 ol hidhuun mana uummataa 14 ol gube.
(SQ-Caamsaa 3,2022)
Waraanni Bilxiginnaa Eebila 29,2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaatti uummata nagaa 46 ol bakka tokkotti rasaasaan rashanuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaan namoota 46 ol Waraanni Bilxiginnaa haala suukanneessaan ajjeese uummanni naannoo sana awwaalus, Waraanni Bilxiginnaa maalif awwaaltan jechuun namoota 30 ol hidhuun reebicha hamaa irraan ga’a jiraachuu maddeen SQtti himan.
Sirni nama nyaataa Bilxiginnaa uummata nagaa ajjeesuun maalif awwaaltan jechuun nu hidhaa jira kan jedhan hawaasi naannichaa osoo waraanni Bilxiginnaa jiru jiraachuun yaaddoo guddaa nutti ta’ee jiras jedhu.
Aanaama Ada’aa Bargaa jala kan jiran gandoota kanneen akka Caancoo Biraatee, Tuulii Dassee, fi Haroo Boroo keessatti Eebila 30,2022 manneen uummata nagaa 14 abiddaan barbadeessuufi qabeenya isaanii hedduu saamuu odeeffanneerra.