Daangaa Tigiraay fi Ertiraa irratti loli turun dhaga’amee.
(SQ-Caamsaa 9,2022)
Bakkeewwan daangaa Itiyoo Ertiraaraarratti humnoonni Tigraay Ertiraa irratti haleellaa meeshaalee waraanaa gurguddaan dabaalameen bananii walitti bu’iinsi waraanaa yeroo gabaabaaf akka ture himu maddeen .
Haleellaan kuni raawwate kan jedhame Dilbata Ebla 30, 2014 bakkee Raamaa akkasumas Baadimma biratti humna waraanaa Ertiraa irrattidha.
Haleellaa kana hordofee humnoota Tigraayiifi waraana Ertiraa gidduu walitti dhukaasuun turuu ibsameera.
Maddeen Maqalee jiran daangaa naannichi Ertiraa waliin daangeessutti walitti bu’iinsi mudatee akka ture mirkaneessaniiru.
Qondaalli olaanaa mootummaa Itoophiyaa maqaan isaanii akka hin eeramne barbaadan haleellaan meeshaalee jabaa gama humnoota Tigraayi banamuu eegalee bakkichatti ”lolli tureera” jedhaniiru.
Haa ta’u malee, walitti dhukaasuun yeroo gabaabaaf kan ture ta’uufi waraana lafoo lakkoofsa guddaa hin qabne kan hirmaachisee akka ta’e ibsan.
Haleellaa meeshaa waraanaa jabaa hordofee dhukaasa yeroo gabaabaa taasifame booda ”humnoonni Tigraay duubatti deebi’anii lolichi dhaabateera,” jechuun dubbataniiru.
Dabalaniis, haleellaan kuni ”amala dubbii barbaaduu TPLF kan agarsiisudha,” jechuun dubbatani.
Dura taa’aan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Dr Dabratisyoon G/Mikaa’el guyyoota muraasa dura xalayaa dhaabbilee idil-addunyaaf barreessaniin waraana Kaaba Itoophiyaa jiruuf furmaata atattamaa barbaaduu akka gargaaran gaafataniiru.
Dabaluunis, uggurri Tigraayirratti ka’ameera jedhan akka xumura argatu yoo hin taasifamne ”filmaata biraa” barbaaduuf akka dirqaman ibsanii turan.
Gama Eertiraan haleellaa raawwatameera jedhame adda baasuuf yaaliin taasisne hin milkoofne. Jedha gabaasi BBC kun.