Gujiitti Waraanni Bilxginnaa Manaafi qabeenya uummataa abiddaan guban.
(SQ-Caamsaa 24,2022)
Bilxiginnaan duula Waraana Bilisummaa Oromoo baatii tokko gidduutti balleessuu jedhuun Oromiyaa irratti lola labsus, milkaa’uu dhabuun bakkoota garaa garaatti uummata meesha maleeyyii gidirsaa jiraachuun beekamaadha.
Haaluma kanaan waraanni faashistii Bilxiginnaa guyyaa har’aa Caamsaa 23/2022 Godina Gujii Aanaa Booree ganda Gombisoo Dheebisaatti manaa uummata abiddaan barbadeessuun qabeenya uummataa hedduu mancaasuun, gariin saamaa oolan jedhu maddeen SQ.
Waraanni mootummaa Bilxiginnaa Oromiyaa bakkoota garaa garaatti qabeenya uummataa gubuufi saamuu akkasumas uummata nagaa badii tokko malee qe’eef qabeenya isaa irratti ajjeesuu kan durii caalaa cimsee itti fufeera.