Waraanni Bilxiginnaa Golee Oromiyaa hunda keessatti ilmaan Oromoo jumlaan hidhuu jabeessee itti fufe.

Waraanni Bilxiginnaa Golee Oromiyaa hunda keessatti ilmaan Oromoo jumlaan hidhuu jabeessee itti fufe.

(SQ-Waxabajjii 9,2022)

Waraanni mootummaa Bilxiginnaa maqaa oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun Oromiyaa guutuu keessa bobbaafaman Waxabajjii 6/2022 Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo Ganda Gomboo keessatti uummata nagaa bakka isaan qonnaa qotanii jumlaan hidhaa turuu maddeen SQ nuuf himan.

Ittuma fufuun Waxabajjii 7/2022 Godinuma Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo ganda Warra Baabboo keessatti namoota maqaan isaanii,
Obbo Tasfaa Jabaanaa
Obbo Tasfaaye Lamuu
Obbo Geetanee Dhuunfaa
Obbo Xahaa Waltajjii fi kanneen biroo ammaaf maqaan isaanii nun qaqqabne, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun hidhuun beekameera.

Oduuma wal fakkaatuun Waraanni fi kaabinoonni mootummaa bilxiginnaa Waxabajjii 7/2022 Godina Baalee lixaa aanaa Agaarfaa magaalaa Agaarfaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun uummata nagaa hedduu hidhuun gariin reebicha hamaa irraan ga’aa turuu SQ odeeffateera.

Akka maddeen keenya jedhanitti Namoonni waraana Bilxiginnaatiin hidhamanii fi reebichi hamaan irra ga’e kunneen harki caalu manguddoota ta’uu ibsuun daa’immanii fi dubartootni illee keessatti argamu jedhu.

Haaluma wal fakkaatuun Waraanni Bilxiginnaa waxabajjii 7/2022 Godina Shawaa lixaa Aanaa Jalduu magaalaa Bonii jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii ammaaf nu ga’e keessaa, Obbo Giddumaa Warquu, ObboTokkummaa Warquu, Nagaasa Gaaddisaa fi Aaddee Joroo Dabalaa keennen jedhaman maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu jedhuun reebicha hamaa erga irraan ga’an booda hidhan jedhu maddeen.

Oduma wal fakkaatuun Waraanni faashistii Bilxiginnaa Waxabajjii 6/2022 godina Shawa Lixaa aanaa Liiban Jaawwii magaalaa baabbichaa keessatti shamarran Oromoo 2 maqaan isaanii Meetii Jaarsoo fi Caaltu mootummaa jedhaman ukkaamsuun buufata poolisii magaalaa Baabbichaa kessatti hidhuun dararaa jiraachuu maddeen nuuf himan.

Kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti ilmaan Oromoo waraana Bilxiginnaatiin ajjeefamaafi hidhamaa jiran, namoota siyaasa keessaa qooda hin qabne akkasumas jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan yoo ta’an, mootummaan Bilxiginnaa Umurii fi Saalaan osoo adda hin baasin duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *