Waraanni Bilxiginnaa Shawaa Bahaa fi Shawaa Kibba Lixaatti, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deeggartu jedhuun Uummata nagaa hiraarsaa jiraachuun dhaga’ame.

(SQ-Adoolessa 9,2022)

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatitti Waraanni Bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromoof dawoo taataniittu jechuun dararaan Ummata nagaa irraan gahaa jiran jabeessanii itti fufuu jiraattonni himan.

Aanichatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu, isintu qallaba, dawoo taataniittuuf sababa jedhuun yakkoonni garaagaraa yeroo dheeraaf ummata nagaa irratti raawwatamaa turuu kan himan maddi odeeffannoo keenya, ajjeechaa, hidhaa fi dararaan akkanumaan ummata nagaa irratti raawwatamu kun ammas nurraa hin dhaabbanne jedhu.

Keessumaa naannoo Nuuraa Heeraa jedhamutti hiraarri humnoota mootummaan raawwatamu kun akkaan hammaatee jiraachuu ibsuun, ummanni bahaa gala dhorkamee jira jedhan.

Gandoota Baadiyyaa aanichaa keessatti manneen qonnaan bultootaa gubuu, midhaanii fi qabeenya ummatichaa saamuun gochoota bal’inaan raawwatamaa turanidha.

Ammas taanaan yakkoonni ummata irratti raawwataman kun nurraa hin dhaabbanne, ummanni magaalaa bahee waa bitachuullee dhorkamee jira jedhan jiraattonni yaada isaanii nuuf kennan.

Dhiira arginaanaan akka Gadamsaatti adamsanii hidhuu, darbees ni ajjeesu kan achi buutee isaanii wallaallee hafnes danuudha jedhan.

Dargaggoota nagaa bifa kanaan qabanii ajjeesan ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo ajjeefne jechuun gama Facebook Waajjira Kominikeeshinii Godina Shawaa Bahaa fi miidiyaalee sirnichaatiin gabaasaa jiraachuus himan.

Mana hidhaa magaalaa Boolee jedhamtu, kan aanaa Boosat jalatti argamtu keessa namoonni akkanumaan hidhaatti guuraman hedduun jiraachuus odeeffanneerra.

Haaluma Wal fakkaatuun Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Goorootti humnoonni mootummaa namoota nagaa hidhaa fi hiraarsaa jiraachuu jiraattonni himan.

Jiraattonni yaada isaanii nuuf kennan magaalaa fi baadiyyaatti waraanni mootummaa bobbaafame uummata bahaa gala dhorkee jiraa jedhan.

Namoonni hedduun hidhaatti guuramuu kan himan jiraattonni, erga qabaniis reebuu fi hiraarsuun, maatiin akka hin dubbifne godhamaa jiraachuu himaniiru.

Humnoonni mootummaa kana malees qabeenya uummataa saamaa akka jiran jiraattonni dubbataniiru.

Konkolaataa dhaabsisanii maallaqa saamuun, manneen jiraattotaa cabsanii seenuun qabeenyaawwan garaagaraa humnaan irraa fudhachuun baratamaa ta’eeraa jedhan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *