Hospitaalli riferaalaa yuuniiversiitii wallaggaa mooraa waraanaa erga ta’ee torban guutuuf deema jedhu jiraattonni magaalaa Naqamtee.

Hospitaalli riferaalaa yuuniiversiitii wallaggaa mooraa waraanaa erga ta’ee torban guutuuf deema jedhu jiraattonni magaalaa Naqamtee.

(SQ-Adoolessa 18,2022)

Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti kan argamu Hospitaala Riferaalaa yuuniiversiitii wallaggaatti dhukkabsataa hedduu yoo xiqqaate uummanni Godinaalee Wallaggaa 4nii achitti yaalama jedhu jiraattonni Magaalitti.

Haa ta’u malee Erga torban tokkoo as garuu waraana faashistii Bilxiginnaa Kan Raayyaa ittisaa Biyya, Humna Addaa Oromiyaa fi faannoo amaaraa fidanii hospitaala kana keessa qubachiisuun rakkooleen hedduu uumamuu irraa kan ka’e, dhukkubsattoonni, Ogeessonni fayyaa fi hojjettoonni hospitaalichaa sodaa hamaa keessa galaniiru jechuun dubbatu.

Mooraa hospitaala riferaalaa yuuniiversiitii wallaggaa kana keessa kan qubatan weerartoonni kunneen mana dooktorootaaf ijaaramee xumurametti galuu sodaatanii mana reefuu ijaaramaa jirutti galuun qulqullina hospitaalichaallee balleessuu isaanii kanneen ijaan argan himaniiru.

Waraanni Bxiginnaafi Daboo kan dhufan Faannoon Amaaraa kunneen eega hospitaala kanatti galanii boodas siree fi firaashii dhukkubsataan irra ciisuu fi kan hospitaalichi haaraa bitee galche hunda humnaan fudhachuun irra ciisaa jiraachuus maddeen dabalanii nuuf himan.

Kana malees erga waraanni kun hospitaalicha keessa qubatee as qodaan hospitaalichaa fi qabeenyi namoota dhuunfaa heddu akka bades odeeffanneerra.

Daba kana hunda caalaa ammoo weerartoonni faannoo amaaraa hospitaalicha keessa qubatan kun gudeeddaa dubartoota irratti raawwachaa akka jiranis jiraattonni naannichaa miira gaddaan dubbatu.

Waraanni weerartoota faannoo Amaaraafi Bilxiginnaa hospitaala kana keessa qubatan kun boombaa bishaanii hedduu cabsuun hojii ala taasisaniiru jedhu.

Sababa Boombaan cabuun bishaan moorichaa keessaa badeef ammoo bobbaa fincaanii dallaa hospitaalichaa keessatti fayyadamuun mooricha qulqullina dhabsiisuurra darbee ajaa bobbaa waraana kanaafiyyuu Hospitaalicha keessa deemuun rakkisaa ta’uu himu kanneen ijaan argan.

Waraanni Bilxiginnaa kunneen hospitaalli riferaalaa yuuniiversiitii wallaggaa bakka dhukkubsattoonni itti wal’aanaman malee mooraa waraanaa akka hin taane osoo beekanii Waraanni Bilisummaa Oromoo yoo dhufes uummata gidduutti nu hin rukutu jechuun hospitaalicha keessa qubachuu isaaniitu dubbatamas.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *