Gujii Bahaa Ona Liibanitti namoonni beelaan lubbuu dhaban.
(SQ-Hagayya 09,2022)
Gujii Bahaa Ona Liiban ganda 8 irraa ummata buqqa’ee karaa irratti beelaa fi gidiraa hamaatiin rakkataa ture keessaa kanneen maqan isaanii armaan gaditti tarrifame kun warra beelaan lubbuun isaan dabre ta’uu ragaan argame ifa godha.
1. Xuruu Jaldeessaa Daraasaa
2. Seentunaa Roobaa Dambii
3. Caaltuu Badhaadhaa Goobanaa
4. Dintuu Boruu Mixaa
5. Seentunaa Huseen Haroo
6. Sumunee Waannis Sirbaa
7. Badhaatuu Hayiluu Dikoo
8. Sirbituu Aanolee Nageessaa
9. Shunbur Gedooree Lookoo
10. Saadiyaa Holkoo Abbaa Kitoo kanneen jedhaman sababa beelaan lubbuu dhabaniiru.
Bulchaan Godina Gujii Bahaa yeroo dabre OBN fi miidiyaa PP biroo irratti namoonni beelaan lubbuu dhaban godina san keessa akka hin jirreetti dubbatee ture.
Aanota akka Sabbaa Boruu fi Waadaraa keessattis torban dabre namootni 20 ol tahan beelaan lubbuu dhabuu odeeffannoon ragaa qabatamaa waliin bahee ture.
Godina kana keessatti balaa beelaatiin namoonni du’uun kanaan Ona 3ffaa keessatti mudachuu isaa ti.
Dhaabbileen gargaarsaa yoo hatattamaan ummata kana dhaqqabuu baatan balaan beelaa kun namoota hedduu fixuuf akka deemu ibsamaa jira.