Waraana Kaaba Itoophiyaa ilaalchisuun Ergamaan Addaa Ameerikaa gara Itoophiyaa imaluuf.
(SQ-Fulbaanaa 3,2022)
Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Pireezidantii Ameerikaa Joo Baayidan kan tahan Aabba Maayik Hamar, waraana kaaba Itoophiyaatti irra deebiin eegale ilaalchisuun gara Itoophiyaa akka imalan himame.
Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii akka beeksisetti, Ambaasaaddar Maayik Hamar dhuma torbee kanarratti imalli Itoophiyaatti taasisan kaayyoon isaanii inni ijoo lola biyyattii keessa deemaa jirudha.
Waxabajjii keessa hojiisaanii Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa kan eegalan qondaalli kun, torbanootaan dura Itoophiyaa dhufanii kan turan oggaa tahu, Finfinnee fi Maqaleetti qondaaltota mootummaa federaalaafi hooggantoota TPLF wajjiin mari’taniiru.
Ji’a Ebla keessa qarqaarsa namoomaa dhiyeessuuf jecha dhukaasni dhaabuu waliigalamee ture cabuun, Hagayya 24 waraanni irra deebiin dhalatee iddoowwan garagaraatti lolli gaggeeffamaa jira.
Humnoonni Tigraay fi mootummaan waraana daangaa naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabaa fi naannoo Tigraayitti baname kana eegalsiisuun wal himatu.
Guyyoota dabranitti lollichi naannowwan garagaraatti babal’achuun kan himame ennaa tahu, mootummaan ”humnoonni TPLF waraana iddoowwan garagaraatti banan,” jechuun himata.
Humnoonni Tigraay gamasaaniin iddoowwan daangaa naannoo Amaaraa irraa dabalatee, gama Ertiraanis haleellaan gurguddaa nurratti baname jedhanii himatu.
Ergamaan Addaa kun imalasaanii ammaa kanaan, qaamoleen walwaraanan hundi dhukaasa dhaabanii, marii nageenyaa akka jalaqaban, ergaa Pireezidant Baayidan dabarsu jedhameera.
Ibsa Waayit Hawus imala ergamaa addaa kanarratti kenneen, Ameerikaan ”Ertiraan deebitee lola kanatti hirmaachuu, TPLF Tigraay alatti haleellaa itti fufuufi haleellaa qilleensarraa mootummaa Itoophiyaa,” ni balaaleffatti jedheera.
Dabaluunis qaamoleen hundi lolarraa akka of qusatan dhaamuun, keessattuu kanneen qarqaarsi isaan barbaachisuuf dhiyeessiin irra deebiin akka eegalu waamicha dhiyeesseera.
Waraansa waliinii ganna lama guutuuf adeemaa jiru mariin furuuf Ameerikaa dabalatee Gamtaan Afrikaa fi kaanis ji’oota jahan dabran keessa tattaaffii taasisanis, bu’aan kana jedhamu otoo hin mul’atin waraanichi akka haaraatti dhalateera.
Lolichi naannoo Tigraay keessatti jalqabamuun gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaar kan babal’ate ennaa tahu, kuma hedduutti kan lakka’aman lubbuu dhabuun, hedduun qe’eerraa buqqa’aniiriu.