Mootummaan Bilxiginnaa Sababa yaaddoo Nageenyaa jedhuun Irreechi bara kanaa akka hin kabajamne hambisuuf Wixinee qopheesse.
(SQ-Fulbaana 9,2022)
Ayyaanni Irreechaa kan Sabni Oromoo waggaa waggaan itti wal argee uumaa isaa galateefatu yoo ta’u, Guyyaan kabaja ayyaannichaas saba Oromoo biyya keessaafi alaa biratti guyyaa hawwii guddaan eegamudha.
Guyyaa ayyaana kana Oromoonni kutaalee Oromiyaa hunda irra Finfinnee fi Bishooftuutti wal ga’uun irreeffatu.
Guyyaa hawwii guddaan sabaa Oromoofi lammilee Oromiyaa biratti eegamu kana Mootummaan paartii Bilxiginnaa sababa haala nageenyaa jedhuun, Irreechi bara kana jechuun kan bara 2022 akka hin kabajamneef wixinee adda adda qopheessee jiraachuu ragaan nu qaqqabee ni mullisa.
Akka ragaa sana irra hubachuun danda’ametti mataa duree “Haala Nageenyaa fi Hiriira Humna Diinotaa” jedhuun sodaan jiraachuu ibsa.
Qabxilee ajandaa sana jala jiru irraa hubachuun akka danda’ametti diinni kallattii hundaan namoota fo’ee magaalaa galchuun yaali haleella shororkaa uumu danda’a jedha. haa ta’u malee dinnii isaan jedhan ifatti kan maqaan dha’ame hin jiru.
Humnoota gudda magaalaatti galchuun walitti bu’iinsi sabootaa akka uumamuu gochuu danda’a jechuun, qabxiilee sodaa isaa kan ibsee Bilxiginnaan kana malees humnoonni faallaa Mootummaa ayyaanicha dhimma siyaasaaf fayyadamuu danda’u jechuun, Namoonni Ayyaanaa irreechaa bara kanaa irratti hirmaatan kan caasaa mootummaa sadarkaan jiruun deeggeramee, ijaaramee Finfinnee seenuun kabajama jechuun ibsee jira.
Mootummaan paartii Bilxiginnaa bara 2020’s sababa Covid-19 jedhun miseensonni paartii isaa qofti ayyaana irreechaa akka kabajan gochuun saba Oromoo ballaa, irreessa irra hambisuun isaa niyaadatama. Haa ta’u malee yeroo Sabni Oromoo irreecha irra ittifameetti biyyatti keessatti ayyaanni cuuphaa fi kaan haala adda ta’een kabajamee ture.
Haaluma kanaan bara kanas sababa sodaa nageenyaa jedhun Sabni Oromoo akka walitti hin qabamneef mootummaan Bilxiginnaa wixinee qopheessuun ayyaanni irreechaa bara kana miseensota paartii Bilxiginnaa qofan akka kabajamuuf qophiitti jiraachuu wixinee irreessaa ilaalchisun Bilxiginnaan qopheesse ragaa guddaadha.
Irreecha irratti Sabni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa wal ga’uun sagalee tokkon Oromummaa kan faarsaan, cunqursaa Oromiyaa irra jiru kan mullisan yoo ta’u, Bilxiginnaan Saba Oromoo kallattii adda addan miidha jiru, sagalee isaa ukkamsuuf irreecha hambisaa kan jiru ta’un dhugaa hin haalamnedha.
Maddi GMN!