Kutaalee Oromiyaa addaa addatti Waraanni Bilxiginnaa manneen uummataa gubuufi qabeenya saamuu itti fufe.

Kutaalee Oromiyaa addaa addatti Waraanni Bilxiginnaa manneen uummataa gubuufi qabeenya saamuu itti fufe.

(SQ-Fulbaana 10,2022)

Waraanni faashistii Bilxiginnaa dararaa uummata nagaa irraan geessisaa jiru cimsee itti fufuun, Fulbaana 7/2022 Godina Shawaa lixaa aanaa Miidaa Qanyii Ganda Boquu Nissoo bakka Waahiloo, gabaa Daafinoo jedhamutti manneen qonnaan bultoota Oromoo hedduu yoo barbadeessan qabeenya uummataa saamaa turuu maddeen nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf eeranitti manneen qonnaan bultoota Oromoo Waraana Bilxiginnaatiin barbadeeffaman mana Obbo Garramuu Bajigaa, Cimdeessaa Waaqasaa, Hirphaa Likkiisaa, Shuumii Gesheree, ijoollee Abbaa hin qabne kan guddiftu mana Aadde Guutanii Fiixumaa, Dalasaa Ittisaa, Dirribaa Gesheree, Dirribii Cimdeessaa, Camadaa Dagabaasaa, Shallamaa Camadaa, Galeeraa Nyaaroo fi Lalisee Cimdii kanneen jedhaman jalaa qabeenyaa fi mana abiddaan barbadeessani jiru.

Ittuma fufuun ganduma sana Obbo Biyyansaa Insarmuu jalaa Puulii 1 yoo guban, Shamarree Jifaaree Mootummaa fi Obbo Daaksisaa Abdiisaa jalaa ammoo dukkaana ykn suuqii cabsuun qabeenya guutuu saamuu maddeen keenya nuuf himan.

Haaluma wal fakkaatuun, godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa ganda Dirree Murii jedhamutti Fulbaana 7,2022 waraanni faashistii Bilxiginnaa mana qonnaan bulaa 1 maqaan isaa Obbo Birruu Moonaa jedhamu abidda itti qabsiisuun gubuu maddeen SQtti himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Obbo Birruu Moonaa badii tokko malee waraana bilxiginnaan ganda isaa irraa qabamee buufata poolisii magaalaa Bulee Horaa keessa jirutti kan dararamaa jiru yoo ta’u, mana haati warraa isaa ijoollee isaa waliin keessa jiraattu gubuun bakka qubannaa dhabsiisuun rakkoof saaxilanii jiru jechuun miira gaddaan dubbatu.

Oduuma Wal fakkaatuun Waraanni faashistii Bilxiginnaa Godina Baalee Lixaa Aanaa Diinshoo gandoota kanneen akka Coofiraa, Hora Soobbaa, Garambaa Diimaa, Goojjiraa, Ayyiddaa fi Mi’oo Qarsaa keessatti manneen qonnaan Bultoota Oromoo hedduu abbiddaan yoo barbadeessan, namoota nagaa hedduu hidhuun qabeenya uummataa saamaa jiraachuu maddeen keenya nuuf himaniiru.

Namoota badii tokko malee waraana Bilxiginnaatiin hidhaman keessaa Aadde Habiibaa Qaasim Fixee namni jedhamtu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachifta jedhuun qabamtee buufata poolisii aanaa Diinshoo keessatti dararaa guddaan erga irra ga’een booda lubbuun ishee darbuus odeeffanneerra.

Haaluma kanaan maqaa sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun Miliishaa, humni addaa fi kaadiroonni Bilxiginnaa gandoota baadiyyaa aanaa Diinshoo keessa socho’un re’oota, hoolaa, fi sangoota qonnaan bultoota jalaa saamuun qalachaa jiraachuus odeeffannoon gamasii arganne ni addeessa.

Mootummaan faashistii Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun dararaa qonnaan bultoota Oromoo irraan geessisaa jiru hammeessee itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *