Artist Alii Birraa dhukkubsatee yaalamaa jiraachuu maatiin himan

Artist Alii Birraa dhukkubsatee yaalamaa jiraachuu maatiin himan

(SQ-Onkoloolessa 19,2022)

Artistiin gameessi Alii Birraa dhukkubsatee wallaansarra jiraachuu maatiifi namoonni qaamaan hospitaalatti argan himan.

Alii Birraa dhukkubsatee Hospitaala Waliigalaa Adaamaatti wallaansi taasifamaafii akka jiru haati warraa isaa Aadde Liillii irraa BBC’n odeeffateera.

Erga dhukkubsatee Hospitaala seenee yaalamuu eegalee guyyoota 10 kan lakkoofsise ta’uufi ogeessonni fayyaa hospitaalichaa wallaansa gaarii kennaafii akka jiran dubbatti Aadde Liilliin.

Gameessi ganna 75 Alii Birraa, amma duralleen dhukkubsatee biyya keessaafi alatti erga yaalamee booda wayyaa’ee ture.Alii Birraa dhibee onneefi sukkaaraatiin rakkataa akka ture BBC’tti himee ture.

Waggoota 50 darbaniif guddina aartii Oromoo keessatti gahee guddaa gumaachaa ture. Artist Alii Birraa Afaan oromootiin alattis afaanota gara shanii ta’aniin akka weellisaa ture seenaan isaa ni mul’isa.

Dhimmoota aadaa, afaan, hawaasummaa, siyaasa, qaroomina, ispoortii, jaalala, walqixxummaafi kaan hedduu irratti weelluuwwan dhaloota irraa dhalootatti darbaniin beekama.

Artist Alii Birraa gumaacha isaatiif Yunivarsiitii Jimmaa fi Yunivarsiitii Dirree Dawaa irraa doktara kabajaa argatera. Gumaacha Aartii Oromootiif gumaacheen doktireetii kabajaa argachuun alattis yeroo garaa garaatti badhaasawwan heddu fudhateera.

Bara 1948 Dirree Dhawaatti kan dhalate Aliin, Umurii isaa ganna 14’tti baandii muuziqaa hiriyaa jaalalaa keessatti weellisuu eegale.Alii Birraa bara 2018’tti Oda Award irraa badhaasa umurii guutuu Odaa’ argateera.

Jireenya isaa muuziqaa waliin waggoota 50 oliif keessa tureen sirboota 260 ol sirbuun hawaasa Oromoofi kaan irraa, addunyaa gara garaa irraas badhaasota 30 ol argachuu danda’eera.

Oolmaa artist Alii Birraa aartii Oromootiif ooleef kabajaafi beekamtii kennuuf jecha bara 2021 Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirna galateeffannaa qopheesseefis ture.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *