Hidhattoonni bakka biraatii dhufan amantoota waaqeffachaa turan Saasiggaatti jumlaan fixan jedhe- Waldaan Warra Wangeelaa Makkaana Yasusii Itoophiyaa
(SQ-Sadaasa 12,2022)
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaa ganda Gaallotti Sadaasa 6, 2022 amantonni osoo waaqeffannaarra jiranii hidhattoota bakka biraatii dhufan jedhamaniin jumlaan ajjeefamuu Waldaa Warra Wangeelaa Makana Yesuus Itoophiyaa (WWMYI) ibsite.
Ajjeechan kun kan raawwate Waldaa Mul’ata Geellaa jedhamutti ta’uu Sadaasa 11, 2022 kennaniin kan himan Pirezidaantin WWMYI Lubni Yonaas Yiggazuu, ajjeechaa jumlaa kanaan namoonni 15 ajjeefamanii, hedduun madaa’aniiru jedhan.
Akka pirezidantiichaatti, namoota ajjeeffaman kanneen keessaattis gaggeessaa, ittaanaan gaggeessaa waldittii fi hojjataan wangeelaa keessatti argamu.
Osoo ajjeechan kun hin raawwatin duras ta’ee erga raawwateen booda qaamni nageenyaa mootummaa tarkaanfii homaayyu fudhachuu dhabuun waldattiif gadda dabalataa akka ta’e himan Luba Yonaas.
“Ajjeechaa jumlaa hamaa fi gadisiisaa kana Waldaan Warra Wangeelaa Makana Yesuus cimsitee balaaleffatti,” jedhan Pirezidantiin kun.
“Addumatti, kun hundi gaafa raawwatuu fi amantoonni kadhannaadhaaf walitti qabaman bifa suukaneessaan yoo jumlaan ajjeefama, qaamni mootummaa naannichatti argamu yakkichi osoo hin raawwatin dura ittisuus ta’ee, erga raawwateen booda hordofee yakkamtoota seeratti dhiiyeessuu irratti kan irraa eegamu bahuu dhaabun baay’ee nama gaddisiisa,” jechuun komatan Luba Yoonas.
”Lammiileen bifa kanaan jumlaan yeroo ajjeefaman mootummaan argee ykn dhagahee callisuun isaa taatee kanaaf beekamtii kennuu dhiisuu barbaaduu ykn akka homtuu hin uumamneetti bira darbuu agarsiisa,” jedhan itti dabaluun.