Barsiisaa Toomaas Gammachuu mana hidhaa keessaa baafamee ajjeefamuun dhaga’ame.
(SQ-Sadaasa 14,2022)
“Barsiisaa Toomaas Gammachuu Kabaa kan jedhaman ji’oota hedduu dura Magaalaa Buraayyuutii qabamee naannoo Ashawaa meedaatti hidhamee ture. Achii baafamee Awaash geeffame, Awaashiin maatiin yoo gaafatu hin jiru ittin jedhan. Namni hordofaa ture odeessa xiqqoo argateen “yeroodhuma awaash geeffame jedhame sana deebisanii fidanii Ashawaa Meedaa dirree gujee bakka jedhamutti namoota torba( 7) waliin ajjeefame jechuun maddeen SQtti himan
Akka maddeen keenya jedhanitti Yeroo Awaash geeffamee achii baafameera jedhamee kaasee faanniifi bakki inni jirus dhabamee hafe jedhu.
Hedduun ilmaan Oromoo beekamtiifi hordoftoota waan dhabaniif dagatame malee, kumaatamatu waraana Mootummaa paartii Bilxiginnaattin achi buuteen dhabamee lubbuu dhabaa jira!