Rakkoon nageenyaa fi hongeen Oromiyaatti gaaga’ama namoomaa qaqqabsiise jedhe UNOCHA’n.
(SQ-Sadaasa 14,2022)
Rakkoon nageenyaa fi hongeen lixaa fi kibba Oromiyaatti bara 2022 mudate gaaga’ama namoomaa hammeessuusaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa(UNOCHA) ibse.
UNOCHAn ibsa Sanbata darbe baaseen sababoota rakkoo tasgabbii fi hongeetiin gaaga’amni namoomaa kan bara 2022 baay’ee hammaachaa deemuusaa addeesseera. Keessumaa rakkoon nageenyaa bara 2019 irraa eegalee lixaa fi kibba Oromiyaa keessa ture haala kana hammeesseera. “Sababni ijoon walitti bu’iinsa hidhattoota gidduutti godhamuu,” dha jedha ibsichi.
Namoonni 740,000 ta’an naannoolee Oromiyaa , Amaaraa fi Beniishangul Gumuz wajjiin wal daangeesssan irraa buqqa’aniru. “Kibba Oromiyaa godinaalee Gujii fi Gujii lixaatti walitti bu’iinsi hidhattootaa eenyummaansaanii adda bahee hin beekamiin gidduutti godhamaa jiru itti fufeee jira. Akkasumas, hongeen namoota miliyona 3.5 ol ta’an irrattis dhiibbaaa uumeera,” jedha ibsa OCHA kun.
Rakkoon nageenya raabsaa gargaarsa namoomaa iddoolee kanneenitti godhamu danqeera. Gargaarsa namoomaa godinaalee Lixaa fi Baha Wallaggaa keessatti godhamu addaan kuteera“Geejjibni konkolaataa fi meeshaalee gargaarsa namoomaa adda citeera. Hojjattooni dhaabbata gargaarsa namoomaas hidhamaa fi sarbamaa jiru,” jedhe UNOCHA.
Sababa rakkoo nageenyaatiin hojjattoonni gargaarsa namoomaa hojii addaan kutanii iddoo jiranitti dhaabbatanii hafaniiru.
“Walitti bu’iinsi geejjiba gargaarsaa Finfinnee – Amboo – Naqamteerraa gara Asoosaattti,” godhamurrrratti dhiibbaa uumeera. Gargaarsi Wallaga Lixaatiif erga godhame waggaa lama kan darbe yoo ta’u qamadiin Baha Wallaggaa magaala Naqamteetti kuufame jirus tamsaasuun waan hin danda’amneef akkasuma taa’ee jira jedhe OCHA’n
“Okkorri kuni hammaachuun lixa Oromiyaarraa gara Horro Guduruu Wallagaa fi Iluu Abbaa Booraa akkasumas Kaaba, Lixaa fi kibba-lixa Shawaatti babal’ateera,” jedha.
Akkasumas hanqinni miidhaan nyaataa daa’immanii fi haadholii daran hammateera Dhaabbileen fayyaa 70 fi manneen barnoota 91 ta’an Gujii keessa jiran hojiin ala kan ta’an yoo ta’u jiraaattoonni tajaajila buufata fayyaa, bishaan dhugaatii fi qulqullinaa argachuu hin dandeenye. Jedha ibsi UNOCHA.