ODUU AMMEE/BREAKING
๐๐ฎ๐น๐ฒ๐ฒ๐น๐น๐ฎ๐ฎ ๐ซ๐ฎ๐๐๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐ฎ๐ฎ ๐๐ผ๐ฑ๐ถ๐ป๐ฎ ๐๐ถ๐
๐ฎ ๐ฆ๐ต๐ฎ๐ด๐ด๐ฎ๐ฟ ๐๐ผ๐ฏ๐ถ๐ถ๐๐๐ถ ๐๐ฒ๐ด๐ด๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐บ๐ฒ๐ฒ๐ป ๐ก๐ฎ๐บ๐ผ๐ผ๐๐ป๐ถ ๐ฑ๐ต ๐๐โ๐๐ ๐ณ๐ถ ๐ ๐ฎ๐ฑ๐ฎ๐ฎโ๐๐๐ป ๐๐ฎ๐ฏ๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐บ๐ฒ
(SQ – Sadaasa 14,2022)
Sadaasa 14,2022 guyyaa harโaa mootummaan Biltsiginnaa haleellaa xayyaaraa yeroo 3ffaa Godina Lixa Shaggar Cobiitti geggeesseen namootni siviilii 21 yoo ajjeesaman 38 ol ammoo madeessamuu maddeen naannoo sanii ifa godhaniiru. Qabeenya ummata irra illee miidhaan dhaqqabuun addeessameera.
Onkoloolessa 23,2022 Cobiidhumatti mootummaan Biltsiginnaa haleellaa xayyaaraa raawwateen ummata siviilii barattootnii fi amantootni keessatti argaman namoota 74 ol iddoo tokkotti fixuu fi 100 ol madeessuun kan yaadatamuu dha.
Onkoloolessa 20,2022 Godinuma Shaggar Lixaa Ona Mettaa Walqixxee, Minaareetti haleellaa qilleensa irraa fudhateen yo xiqqaate namoota 70 yoo ajjeesu, garii ammoo ni madeesse.
Haaluma walfakkaatuun Sadaasa 02,2022 Godina Wallagga Lixaa Ona Ona Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaattis haleellaa samii irraa raawwateen barattootni kan keessatti argamanii fi irra jireessi isaanii ijoollota taโan walumatti namoota 80 ol iddoo tokkotti fixuun 100 ol madeessuun ni yaadatama.
Kana malees, Sadaasa 09,2022 Godinuma Wallagga Lixaa Ona Mana Sibuu magaalaa Mandii fi naannoo isheetti haleellaa xayyaaraa deddeebiโee raawwateen yo xiqqaate ummata meesha-maleeyyii 100 ol ajjeesuu fi dhibbootaan madeessuunis hin dagatamu.