Humni hidhate daangaa Oromiyaa cehuun Ummata Oromoo wallaggaa irratti weerara banuun lubbuu hedduu galaafate.
Sagalee Qeerroo -Mudde 3/2022
Wallaggaa godina Horroo Guduruu aanaalee akka Amuruu, Agamsaa, Jaardegaa jaartee dabalee bakkoota hedduuttii fi wallaggaa bahaa aanaa Kiraamuu keessatti humni finxaaleyyii Amaaraa faannoon mootummaa naannichaan deeggaramee weerara daangaa cehuun dhukaasa baneen qabeenyaa ummataa hedduu barbadeessuun lubbuu namoota nagaa daa’imaa hanga manguddootaatti ,harmee ulfaa hanga hanga saawwaniitti ajjeesuun dararaa hamaa raawwachaa jiraachuun beekameera.
Akka maddeen Sagalee Qeerrootti himanitti humni maqaa Faannoon daangaa cehuun hidhannoo guutuun Wallaggaa Bahaa karaa Kiramuu fi Horroo Guduruu gamaAgamsaa jedhamuun humna addaa naannoo Amaaraa dabalatee akkasumas humnoota RIB keessaa iizii kaabaa ofitti makuun weerara hamaa ummata irratti halkan keessa osoo ummatni hin dammaqiin kan gaggeessaa jiru yoo tahu gama Oromiyaanis poolisiin humna addaa Oromiyaa fi W30n ummata waliin wareegama ulfaataa kaffalaa akka jiranis beekuun dandahameera.
Yeroo ammaa kana akka waajjiraaleen komunikeeshinii mootummaa aanolee kanneenii ibsanitti humnootiin finxaaleyyiin amaaraa maqaa faannoon weerara bananiin ummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuu fi barbadeessuun lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafachuun yeroo ammaa aanota akka Agamsaa fi kiraamuu keessa ummatni buqqa’ee godaanee rakkoo hamaa keessa akka jiru beeksisuun ummatni akka dirmannaa godhuuf dhaamanii jiru.
weerarri daangaa Oromiyaa cabsuun Oromoo buqqisuuf taasifamaa jiru murna PP shimmallis Abdiisaan durfamu mootummaa naannoo Amaaraa waliin walii galuun akka maqaa W30 balleessina jedhuun ummata nagaa irratti yakki sukkaneessaan raawwatamu wal malleessuun isaanii kan yaadatamu yoo tahu kanuma golgaa godhachuun humnootiin finxaaleyyii Amaaraa deeggarsa mootummaa naannichaan deeggaramanii golgaa Faannoo jedhu jalatti gurmaayuun ummata oromoo wallaggaa irratti yakka seenaa keessatti dhiifama hin qabne raawwachaa kan jiran tahuu jiraattotni naannichaa Sagalee Qeerrootti himanii jiru.
weerara amma humnootiin finxaaleyyii amaaraa mootummaa naannichaan deeggaramuun ummata nagaa irratti raawwataa jiran Ummatni Oromoo waliin tahuun akkuma abbootiin keenya daangaa isaanii dhiiga isaanii itti dhangalaasanii fi lafee isaanii itti caccabsanii Oromiyaa dhaloota kanatti kennan dhaloonni har’aas amantaa fi gosaan osoo wal qoodne ,alaa fi keessaan sagalee tokkoon waliif dirmachuun diina qe’ee fi qabeenya isaa irraa isa buqqisu of irraa qolachuun daangaa isaa birmadummaan tiksachuu qaba jenna.