Uummanni Aanaa Kiiramuu guutummaatti buqqa’aniiru”
<Sagalee Qeerroo ~
Mudde 3/2022>
Lola hidhattoonni Amaaraa ‘Faannoo’ jedhaman uummata Oromoo irratti bananiin Godina Wallagga Bagaa Aanaa Kiiramuu keessaa buqqa’uu Kiminikeeshiniin Mootummaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa beeksuse.
“Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti rakkoo nageenyaa humnoonni Finxaaleyyii Amaaraa geessisaniin uummanni sabaan Oromoo ta’ee gandoota Aanichaa 19 keessa jiraachaa ture yeroo ammaa guutummaan guutuutti buqqa’ee jira.”
Humni ‘Faannoo’ jedhamu kan Naannoo Amaaraa keessa bal’inaan socho’uufi mootummaa Federaalaafi naannichaan deeggaramu Oromiyaa bakkoota adda addaa keessatti caasaa isaa diriirfachuun waggoota lamaan darbaniif rakkoo ulfaataa uumaa ture/ jira. Addatti ammoo Godina Wallagga Bahaafi Horro Guduruu Wallaggaa keessatti rakkoo nageenyaa gareen kun uumeen uummanni Oromoo hedduun qe’eerraa buqqa’anii hedduunis ajjeefamanii qabeenyi uummataa kaan barbadaa’ee kaanis saamameera.
Tibba kanas lola humni kun uummata Oromoo irratti baneen Aanaa Kiiramuu keessatti ilmaan Oromoo kurnoota hedduun lakkaa’aman ajjeefamanii jiraattonni Aanichaa guutummaatti buqqa’anii rakkoof saaxilamaniiru. Baatii muraasa dura bifuma wal fakkaatuun aanicha keessatti namoonni hedduun ajjeefamuun gabaafamaa turuun kan yaadatamudha.
Uummanni Aanicha keessaa buqqa’an gariin gara Aanaa ollaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti godaananiiru.
“Uummata Aanicha irraa Buqqa’e keessaa harki caalaan Gara Aanaa Giddaa Ayyaanaa Magaalaa Ayyaanaatti kan baqate waan ta’eef Magaalaan Ayyaanaa yeroo ammaa Baay’ina Uummataa Humna isheen ol ta’e keessummeessuu irratti argamti.”
Bifuma wal fakkaatuun guyyaa kaleessaa (Mudde 2/2022) irraa eegaluun Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaatti lola humni kun bananiin rakkoon nageenyaa guddaan mudateera.
Humni Addaa Oromiyaafi Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Wallagga Bahaafi Horro Guduruu Wallaggaa keessa socho’an wal hubannaadhaan humna ‘Faannoo’ jedhamu kan mootummaa Federaalaafi mootummaa Naannoo Amaaraan deeggaramu kana dura dhaabbatanii loluudhaan uummata isaanii baraaruuf tattaafachaa akka jiranis beekameera.
+6