Hidhattoonni Benishaangul Gumuz waraana Federaalaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Faannoo waliin ta’uun uummata Oromoo irratti lola bananii jiraachuun dhaga’ame.
<Sagalee Qeerroo ~ Mudde 12/2022>
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaafi Limmu irraan humni Addaa Benishaangul Gumuz humnoota Federaalaafi Faannoo waliin qindoomuun Oromoo irratti lola bananii akka jiran odeeffanne.
Uummanni Saasiggaafi Limmuu haala yaaddessaa keessa jiraachuun dhaga’ameera.
Lolli Oromoo irratti baname kan PPn qindeessitu, tikni Federaalaa adda durummaan hogganu kallattii adda addaatiin Oromoo irratti geggeeffamaa jira.