Wallagga lixaa Baabboo Gambeeliif Begiitti waraanni PP daa’ima ganna sagalii dabalatee namoota nagaa hedduu ajjeese.

Wallagga lixaa Baabboo Gambeeliif Begiitti waraanni PP daa’ima ganna sagalii dabalatee namoota nagaa hedduu ajjeese.

(Sagalee Qeerroo Mudde 27,2022)

Godina Wallagga Lixaa Ona Baabboo Gambeel ganda Muraa Lakkuu jedhamutti waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa qe’ee isaa keessa jiraatu irratti dhukaasa banuun jumlaan ajjeessu maddeen SQtti himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti namoonni heddun qe’ee isaa keessatti badii tokko malee ajjeefaman jechuun, ajjeecha tibbanaanis daa’imaa ganna sagalii hanga maanguddoota biyyatti ajjeefamuu nuuf himan.

Namoota Waraana PP kanaan lubbuun isaanii darbeefi yeroo oduu kana qindeessinetti maqaan isaanii nu qaqqabe,
1) Kooluu Badhaasaa,
2) Haacaaluu Badhaasaa daa’ima ganna 9,
3) Magarsaa Hirphoo fi Abdii Hirkoo kan jedhaman kan maqaa isaanii argannedha.

Kana malees Dargaggoo Addisuu Asfawuu jedhamu ammoo miila lamaan rukutamuun miliqus yaala dhabe yeroo amma du’aa fi jireenya gidduu jira jedhu.

Oduudhuma wal fakkaatun godinuma Wallagga Lixaa Ona Begii keessattis waraanni murna bilxiginnaa Muddee 24,2022 namootaa nagaa 7 ajjeessu odeessi SQ qaqqabe ifa godha.

Sagalee Qeerrootu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *