Sinoodosiin Oromiyaafi Sabaafi sablamoota Itoophiyaa haaraan deeggartootni sinodosii Qulqulluu guddichaa ”waamichaa waraanaa ifa ta’e gochaa jiru” jechuun himate.

Sinoodosiin Oromiyaafi Sabaafi sablamoota Itoophiyaa haaraan deeggartootni sinodosii Qulqulluu guddichaa ”waamichaa waraanaa ifa ta’e gochaa jiru” jechuun himate.

(SQ-Guraandhala 2,2023)

Sinoodosiin Oromiyaafi Sabaafi sablamoota Itoophiyaa phaaphaasonni haaraa muudaman kutaalee lallabaa afran Wallaggatti imaluufi deeggarsa hordoftoota amantichaa argachuu dubbii himaan sinoodosichaa Obbo Haayilamikaa’eel Taaddasaa ibsa kennaniin himan.

Phaaphaasoonni gidduugala biyyaa, Arsii fi Iluu Abbaaboori torban dhufu gara kutaa lallabaa isaanii ni deemus jedhan obbo Haayilamikaa’eel.

Sinodosiin haaraan kun ibsa kan baase haasaa Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhibdee mana Kirsitaana Tawaahidoo Itoophiyaarratti dubbatan hordofee manni kirsitaanichaa dubbicha mormuun ibsa baasuu booda dha.

Ministirri Muummee Abiy dhibdee kana salphisanii ilaalan, kan balleesseefi kan dhugaa qabu qixa ilaale jechuun himannaa manni kirsitaanaa baase irratti ”nuti warra badii dalage miti” jedhan Obbo Haayilamikaa’eel.

Dhimmichis akkuma MM jedhan salphaafi mana kiristaanaa kan jabeessufi ittiin bulmaata mana kirsitaanaa cabse kan hin qabne jedhan dubbii himaan Sinodosii Oromiyaafi Sabaafi sablammiilee Obbo Haayilamikaa’eel Taaddasaa. ”Seera qabeessa taanee raawwanne” jechuunis deebisan.

Dabalataanis Phaaphasota muudaman irraa aangoon lubummaa mulqamuun sirrii mitii. Warra hin malleefuu maqaan kun kennameera jechuun qondaaltota sinoodosichaa sabummaan fi faallaa daneessummaa hojjetan ittiin jedhanis balaaleffatan.

”Akka seera cabsineetti wanti haasa’an bu’uura hin qabu. Inummaayyuu isaantu ergama duuka bu’ummaa xiqqeessuu fi cabsuun seera cabsaniiru.”

Manni Kiristaanaa kan hundumaa akka hin taane gochuudhaan seeraa fi heera mana kiristaanaa cabsaniiru.”

”Aanga’oonni mana kiristaanaa duula maqa balleessii gaggeessaa jiru, namootni kun tarii humnaan fedha uummataa gufachiisuuf, tajaajila kana gufachiisuuf yaalaa jiru, deeggartootni isaanii ammoo ifatti waamicha waraanaa gochaa jiru” jechuunis himatan.

Sababa kanarraa kan ka’es muudamtootni haaraan yaaddoo nageenyaa akka qabaatan sababa ta’uu dubbatan.

Miidiyaalee hawaasaa fi idilee irratti waamichi waraanaa ifatti labsamaa jira kan jedhan Obbo Haayilamikaa’eel mootummaan gaafatama isaa seera kabachiisuu raawwachuu akka qabu waamicha godhan.

Mootummaan gaafatama isaa seera kabachiisuu raawwachuu qaba. Sababa kanaan nagaan biyyaa akka jeeqamu hin feenu. Mootummaan atattamaan tarkaanfii akka fudhatu wamicha goona,”jedhan.

Paatriyaarkii lammataa muuduu fi teessoo lama hin qabaatu manni kiristaanaa iyyata dhiyeesse ilaalchisees lameenuu wanta sinodosiin isaanii gaafate yookan raawwachaa jiru akka hin taane himan.

Kitaabolee galatoofi sirna galatoo manni Kiristaanaa hiikeera jechuun sinodosiin ibse qabsoo abbootiin amantaa dursanii dalaganiin hojjetamee jechuun shorri mana amantichaa xiqqaa ta’uu kaasan. Lallabniifi tajaajilli afaan Oromoon kennamaa jira kan jedhus bakka muraasa ta’uu himuun fudhatama dhabsiisan.

Dabalataanis afaanota sabaafi sablammiilee kaan hin qaqqabnes jedhaniiru.

Yaada Ministirri Muummee Abiy yeroo Manni Lubummaa naannoo Tigraay mana Kiristaanaa irraa fottuquu ibsu namni gaafate balaaleffate hin turre jechuun kaasan ilaalchisees sinodosiin deebii Manni Kiristaanaa lakki dubbiin gargaraii jechuun morme irrattis dubbate.

Manni Kiristaanaa sinodosiin haaraan Paatriyaarkii muude Tigraayitti sun hin taane jechuun dhimmootni lamaan gargar ta’uu ibsuuf yaale. Obbo Haayilamikaa’eel garuu paatriyaarkii muuduun baratamaa akka ta’e fakkeenya kaasuun ibsanii, loogiin guddaan waan jiruuf malee dubbiin walfakkaata jedhan.

Maddi BBC !

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *