Shaashamannee keessatti lubbuun namoota kan darbe mana amantaa keessa taa’anii dhukaasa gara alaatti qaama nageenya eegsisu irratti bananiin tahuu barame.
Magaalaa Shaashamannee keessatti tibbana lubbuun namoota nagaa 5 kan darbe sababaa Abbootiin amantaa Sinodosii Oromiyaa fi sabaa fi sablammoota oromiyaa gara sana deeman irratti ol hin seensifnu jechuun mana amantaa sana keessatti meeshaa waraanaa qabatanii namoota seenaniin yeroo qaamni nageenyaa tasgabbeessuuf yaalu Bataskaana keessaa dhukaasa gara alaatti humnoota nageenyaa poolisoota Oromiyaatti dhukaafameen namootni nagaan naannoo sana jiran akka wareegamaniif sababaa tahuu maddeen ijaan argan SQtti himaniiru.
Namni hiriyyaan isaa biraa wareegame tokko akka SQtti himetti anii fi hiriyyaan kiyya hojii daldalaa naannoo bastakaana sanaa kan hojjennu yoo tahu mormiin yeroo abboota amantaa haaraa gara sanatti ramadaman akka simatan taasifamu uumameen namoota mana amantii kana keessa ilmaan Oromoo qeesii ta’anii tajaajiluu hin qaban jedhan kanneen sabaan Amaara tahanii fi Guraagee tahanii ganama irraa eegalanii mana amantaa sana keessatti meeshaa qabatanii seenaniin akka abbootii amantaa haaraan sinodosii Oromiyaa akka hin seenneef humnoota nageenya gara sana deemanii dhimmicha tasgabbeessuu yaalan irratti dhukaasa banameen hiriyyaa kiyya waliin achirraan darbinee galaa turre Laphee isaa irra rukutamee wareegamee jechuun SQtti himee jira.
Akka jiraataan kun jedhutti lubbuun namoota wareegamee dhukaasa namoota mana amantaa sana keessa taa’anii gara alaatti qaamota nageenyaatti dhukaasaniin akka lubbuun namootaa darbe kan ijaan arge dubbateera.
Yeroo ammaa kanas magaalaan Shaashamannee sochii naannoo Bataskaana hokkorri itti dhalate jedhamu sana dabalatee bakkoota hedduutti ugguramee kan jiru yoo tahu humnootni abashaa sabaan Amaaraa fi guraagee tahan hokkora kaasuu fi lubbuu namootaa galaafachuuf meeshaalee waraanaa wal gurmeessanii abboota qabeenyaan deeggaramanii hidhataa jiraachuus dabalataan nuuf himeera.
Ummatni magaalaa Shaashamannee sochii finxaaleyyiin abashaa gochaa jiran kana jala bu’ee hordofuun qaama dhimmi ilaalu waliin tarkaanfii akka sirreeffamaa akka fudhatamuu qabus dhaamsi nu qaqqabe ni ifoomsa.