Duulli deeggarsaa Sinodoosii haaraa uffata adii uffachuun fuula miidiyaa hawaasaa irratti adeemsifamaa jiru jabaate itti fufee.
(SQ-Gurraandhala 7,2023)
Duulli deeggarsa Sinodoosii haaraa kun mata duree “Adii uffanna, adii dubbanna” jedhuun hordoftoota amantaa ortoodoksii dabalatee ummata Oromoo bal’aan adeemsifamaa jira.
Sabaa fi sablammoonni Itoophiyaa walakkaa Jaarraa oliitiif gaafii afaan ofiitiin amantii geggeefachuu fi nama ofiitiin tajaajilamuu kan gaafataa turan yoo ta’u, hooggantoonni mana amantaa Ortodoksii gaafii kanaaf deebii laatuu dhabuu fi ukkaamsuun akka sinoodoosiin haaraan hundaa’uuf sababa ta’ee jira.
Sinodoosii haaraa kana qaamonni mana amantaa kana daheefachuun daldalaa siyaasaa adeemsisaa turan mormuun uffata gurraachaa uffachuu hamma rifeensa haadatuutti kan dhaqqaban yoo ta’u, kanneen gaafiin isaanii waggoota dheeraa booda deebi’eef hundeefamuu Sinoodoosii haaraa kana miira gaariin simachuun uffata adii uffatani deeggarsa qabaniif argisiisaa jira.
Haaluma kanaan Ummanni Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiru duula deeggarsaa siinoodoosii haaraa fuula miidiyaa hawaasaa irratti adeemsisaa jira.
Duulli deeggarsa Sinodoosii kun mata duree “Adii uffanna, adii dubbanna” jedhun kan adeemsifamaa jiru yoo ta’u, duulichi ammoo kan jalqabe erga abbootiin amantiin kutaa lallaba Arsii lixaatti ramadaman ummataan akka aadaa Oromootti uffata Adii ykn gaabii uwwifamani booda.
Duulli adii uffanna, adii dubbannaa kun hayyoota, artistoota, hojjattoota, abbootii amantii, hordoftoota amantaalee garagaraa, aktivistootaa fi fayyadamtoota miidiyaa hawaasaatiin adeemsifamaa jira.
Kaayyoon duula kanaa Sinoodoosii haaraa hundeefame deeggaru yoo ta’u, qaamota siinodoosii kana falmuun gurraacha uffatan mormuuf akka ta’e sochiin marsaalee hawaasummaa irratti taasifamaa jiran ni mul’isu.
Duula deeggarsaa kana ilaalchisuun namoonni baay’een suuraa isaanii fuula miidiyaa hawaasaa irratti yaada deeggarsaa Sinodoosii haaraa waliin maxxansaa jiru.