Dirree Dhawaa Yuuniversiitii keessatti Hokkorri barattootaan uumame.

Yuunivarsitii Dirree Dhawaa keessatti  okkora finxaaleyyiin Amaaraa kaasaniin dhukaasni geggeeffamaa turuu barattootni dubbatan.

 

Gurraandhala 9, 2023

Barattootni finxaaleyyii Amaaraa guyyaa dheengaddaa Guraandhala 7,2023 qabuun mormii garaa garaa argisiisaa turan yoo tahu mormii isaanii gara okkoraatti halkan guyyaa kaleessaa Guraandhala 8   /2023 irraa eegalee deebisuun barattoota Oromoo loluu eegalan.

 

Erga manni amantaa Ortodoksii sinoodosii Oromiyaa afaan dhalootaan barnoota amantii isaatii haa barsiifatu jechuun dhaabbatee finxaaleyyiin Amaaraa mormii gama hundaan agarsiisuu itti fufaniin dhaabbilee barnootaa olaanaa keessattis jibbiinsa Oromummaaf qaban akka mul’ifatan taasisanii  jiru.

 

Barattootni finxaaleyyii Amaaraa kun uffata gurraacha uffachuun barattoota Oromoo irratti guyyaa roorrisaa oolaniin galgala irraa gara walitti bu’iinsaatti ce’ee ture.

 

Walitti bu’iinsa kana irraan kan ka’e dhukaasni hedduun mooricha keessatti kan dhukaafame yoo ta’u gareen Saatanaaw jedhaman mooricha keessa dhoksaan seenuun miidhaa barattoota Oromoo irraan geessisuuf hojjechaa akka jiranis odeessi nu qaqqabu ni addeessa.

 

Hanga gabaasni kun qindaa’etti reebichaan alatti miidhaan addaa barattoota Oromoo irra ga’e adda hin ba’in jiraachuu maddeen keenya nuuf himaniiru..

 

Sababa wal dhibdee kanaan dhukaasa dhuka’een barattootni faffacaa’anii bakkee keessa kan bulan jiraachuu barataan odeessa kana nuuf hime dhugoomseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *