Oromoon isaan dagatus isaan Oromoo fi Oromiyaa hin dagatan

Oromootu isaan dagate malee isaan ammallee bakka hamtuu jiraatanis Oromoo fi Oromiyaa hin daganne!
Qabsaawotni kunneen nyaataa fi bishaan namni isaan gargaaruun mana hidhaa keessa waggoota sadan darban kana jiraachaa dabarsan ammas jiraachaa jiru.
Qaamni isaan hidhe dhiyeessuu nyaataa guyyaa tokkoof illee kenneef hin beeku.
Haala hamtuu fi yartuu keessatti kennaa namootni isaan gaafatan kennaniif irraa walitti qabuun Ummata keenya Booranaa Hongeen miidhameef karaa dhaabbata gargaarsa Oromoo ORA Qr 10,450 gumaachanii jiru.
Seenaa impaayera Itiyoopiyaa keessatti yeroo ilma Oromootu biyya bulchaa jira jedhanii miidiyaan nutti himan kanatti qabsaawotni Oromoo kunneen yakka tokko malee himata tokko malee mana hidhaa keessatti daraaraa argaa jiraatu.
Oromoo qabsaawota sabaa kanneen manni murtii irra deddeebi’ee akka hiikaman ajajee qaamni poolisii hiikuu dide kanaaf akkuma ummata Booranaa hongeen miidhameef waloon dirmannaa godhaa jiru isaan kanaafis sagalee tahuuf qaba.
Gaafa rakkoo fi dhiphoo Oromoomatu waliif fira waliifis dhiiga waan taheef qabsaawota kanneeniif sagalee haa taanu.
Warreen afaan mootummaan isaan hidhe dubbachuu dandeessanis waliin dubbatanii fala qabsaawota kanaaf osoo barbaaddan Oromummaan kana jaallata waan taheef dubbadhaaf gargaaraas.
Mana murtiitu bilisa nu baasa jedhanii abdii hin qaban ajajni mana murtiin kenname poolisiin dhorkameera. Murtii keenya xumurannee baana jedhanii akka hin eegganneef qaamni yakka qabdu jedhee isaan himate hin jiru.
Hegereen qabsaawota kanneenii ummata Oromoo harka jira waan taheef kallattii gargaaruu dandeenyuun haa gargaarru .
Oromoo fi Oromiyaaf warra jiraatu malee Oromoo fi Oromiyaa warra nyaatu miti.
Dhugaan keessan yoomillee boqonnaa nuuf hin kennu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *