Marii Biyyoolessaa gaggeessuuf waltajjiin qophaaye walii galtee malee diigame.

 

‘Haqa ce’umsaa’ mootummaan dhiyeesse mormiin mudate.

<Sagalee Qeerroo – Bitootessa 11/2023>

Paartileen siyaasaa imaammata haqa ce’umsaa morman waltajjii marii dhiitanii ba’uun dhaga’ame.

Filannoowwan imaammata haqa ce’umsaa ilaalchisee guyyaa kaleessaa magaalaa Finfinneetti marii geggeeffamaa ooleen bakka bu’oonni paartilee siyaasaa adeemsa imaammatichaafi tartiiba raawwii isaa mormuudhaan waltajjii marii dhiisanii ba’aniiru.

Akka odeeffannoon argame ibsutti paartileen siyaasaa mormii dhiyeessan “haqa ce’umsaa dura mariin biyyoolessaa geggeeffamuu qaba” kan jedhuufi “jeequmsa biyyatii keessaaf fala kaa’uun ni dursa” jechuudhaan yaada isaanii ibsataniiru.
Walga’ii guyyaa kaleessaa (Bitoolessa 10/2023) kan kan waame ogeessota imaammata haqa ce’umsaa kana qopheessanidha.

Galtee imaammatichaa irratti yaada guurrachuuf akka walga’icha qopheessan ibsaniiru gareen kun.
Magaalaa Finfinnee hoteela Inter Legjery keessatti bakka bu’oota paartilee siyaasaa waliin kan geggeeffame waltajjiin kun bu’uura yaada haqa ce’umsaa kana irratti ogeessota waan kana qopheessan irraa ibsi erga kennamee booda, akka yaada kennaniuf carraan bakka bu’oota paartilee siyaasaaf carraan kennamee paartileen siyaasaas yaadota jajjaboo ta’an dhiyeessaniiru.

Yaanni gama paartilee siyaasaan kenname: haqni ce’umsaa kun yeroo kan eeggate akka hin taane, dhimmoota marii biyyoolessaa irratti qooda inni qabuufi haala nageenya biyyattii keessa jiru kan giddugaleessa hin godhanne ta’uusaa ibsanii dursa argachuu kan qabu jeequmsaaf fala kaa’uufi mariin biyyoolessaa dursuu kan qabu ta’uusaa kaasan.

Akkasumas, “rakkoon jiru rakkoo siyaasaati malee dhimma haqaa qofa miti” jechuudhaan paartileen siyaasaa murtii kana dhageessisan yaada waloo irratti wal ta’uu isaaniitu ibsame. “Utuu marii siyaasaa hin taasisiin marii dhimma haqaa taasisuun tartiibni isaa wal darbeera” jechuudhaan ejjennoo akka qabatan gabaafameera.

Karaa biraatiinis “Ce’umsi haqaa kun qaama komishinii marii biyyoolessaa ta’uu qaba malee qofaasaa dhiyaachuu hin qabu” kan jedhus gama paartilee siyaasaan ka’eera. Amanamummaa haqa ce’umsaa kana irrattis shakkii akka qaban paartileen siyaasaa kun ibsaniiru.

Gama qopheessitoota waltajjii kanaatiin deebii kennameen, kimishiniin marii biyyoolessaafi haqni ce’umsaa adda adda ta’uu ibsuudhaan “haqni ce’umsaa ariitiidhaan raawwatamuu kan qabudha, haga mariin biyyoolessaa xumuramutti eegamuun hin danda’amu” jedhan.

Akka waliigalaatti paartileen siyaasaa waltajjii kana irratti hirmaatan 30 ol waltajjicha dhiisanii deemuudhaan waltajjicha bu’aa dhabsiisaniiru.

Rakkoo siyaasaa Itoophiyaa mudate kana paartiin aangoorra jiru kabeebsaadhaan ykn fafakkeessaadhaan bira darbee aangoo dheereffachuuf yaalus milkaa’aa hin jiru. Mootummaan Itoophiyaa qorannoo komishiniin mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii miidhaa lola keessatti qaqqabeefi haala qabiinsa mirga namaa qorachuuf sochii taasisaa jiru mormuudhaan ajandaa haqa ce’umsaa jedhamu kanaan bira darbuu barbaada.
Akkasumas, gaaffii paartileen siyaasaa kaasan paartiin biyya bulchu ofii qindeessuudhaan maqaa komishinii marii biyyoolessaa jedhuun sochii inni taasisaa jirus fudhatama dhabaa jira.

Kaayyoon haqa ce’umsaa kun yommuu ibsamu: dhugaa barbaaduu, miidhamtoota hirphuu ykn deeggaruufi araara buusuu yommuu ta’u, yaadicha kan dhiyeesse mootummaa ta’uufi dhugaas kan dabse mootummaa ta’uusaatiin haqa ce’umsaa kan jedhamu kun nama shakkisiiseera.

Torban darbe keessa ABO fi KFO dabalatee paartileen siyaasaa 16 adeemsa marii biyyoolessaa irratti gamtaa uummachuudhaan haala komishiniin marii biyyoolessaa itti deemaa jiru hirmaachisaafi hundagaleessa akka hin taane ibsuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *