Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo:
Sochii humnoonni naannoo Amaaraa fi waraanni Ertiraa naannichatti taasisaa jiraniin walqabatee Tigiraayitti waraanni marsaa biraa dhalachuu akka danda’u Xiinxaltooti akeekan.
Bitootessa 13,2023
Waliigaltee nagaa buusuu Piritooriyaatti kan hin gammanne humnoonni Amaaraa fi Ertiraa, kutaalee naannoo Tigiraayi humnaan qabatan gadi lakkisanii bahuuf fedhii dhabuu fi haleellaa yeroo garaagaraatti uummata nagaa irratti raawwataniin itti fufiinsaan rakkoo uumaa jiraachuutu himama.
Adeemsi kun hatattamaan dhaabbachuu baannaan naannichatti waraana marsaa biraa dhaluu mala jedhu xiinxaltooti.
Haala Siyaasa Itoophiyaa fi wal-waraansa biyyattii gadi fageenyaan xiinxaluun kan beekamu Martin Plaut akka jedhutti waraanni Tigiraayi marsaa biraatiif deebi’ee dhohuu mala.
Kanaaf ammoo Qondaalonni Ertiraa akka of qopheessaniif ajajni darbeefii jiraachuun agarsiistuu tokko jedha Martin Plaut maddeen isaa kan gama Ertiraan jiran wabeeffachuun.
Gama Tigiraayiinis gabaasaaleen wal-fakkaatan dhagahamaa jiraachuu eeruun miirri gamaa gamanaa mul’atu naannichatti waraana marsaa biraa dhaluu mala yaaddoo jedhu ibseera.
Haalli gama Kaaba Itoophiyaatii mul’atu waraana marsaa biraaf karaa banuu danda’a yaadni jedhu kan Martin Plaut qofa miti.
Keessumaa isaan waliigaltee araaraa mootummaa Itoophiyaa fi Humnoota Tigiraayi gidduutti mallattaa’etti gammachuu hin qabne, Humnoonni Amaaraa fi Mootummaan Ertiraa sochiin itti fufiinsaan Tigiraayi keessatti taasisaa jiran naannichatti nagaan abdatame akka hin dhugoomne taasisuu mala yaadni jedhu yaaddoo hawaasa addunyaa tahaa dhufeera.
Humnoonni Amaaraa lafa Kibbaa fi Lixa Tigiraayi humnaan weeararanii jiran gadi lakkisuuf fedhii hin mul’ifne. Gareen Milishaa Faannoo fi Humnoonni mootummaa naannoo Amaaraa lafa Naannoo Tigiraayi weeraranii jiran yakkoota uummata Tigiraayi irratti raawwatan itti fufanii jiraachuu gabaasaaleen garasii ba’an nimul’isu.
Waraanni Ertiraas taanaan lafa Kaaba Tigiraay hedduu harkaa qabaachuu fi guyyaa guyyaan dhalattoota Tigiraay irratti haleellaa suukanneessaa raawwataa jiraachuu, ajjeechaa, saamichaa fi nama ukkaamsuu dabalatee gochi raawwatan guyyaadhaa gara guyyaatti hammaataa dhufuu gabaasa UNHCR dhiheenya ifa taasise dabalatee, gabaasaaleen garasii ba’an nimul’isu.
Sochiin Humnoonni Amaaraa fi waraanni Ertiraa Tigiraay keessatti taasisaa jiran itti fufuun yaaddoo guddaadha jedhu, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Volker Turk, dubbii Yaa’ii 52ffaa komishinichaa irratti tibbana dubbataniin.
Gama biroon hariiroon humnoota Amaaraa fi mootummaa Ertiraa yeroodhaa gara yerootti cimaa dhufuutu himama. Hariiroon gareen lameen beekamtii mootummaa federaan alatti dhoksaan uummachuun himamu kun waraanni Tigiraayi waggoota lamaaf walitti fufiinsaan geggeeffamaa bahe eegalamuun dura kan jalqabame tahuu gabaasaaleen garaagaraa mul’isaa turaniiru.
Hariiroon Humnoota Amaaraa dhoksaan gara Ertiraatti erganii leenjisuu irraa eegalee, hanga lixa Tigiraayi waloon weeraruutti gahe kun, yeroodhaa gara yerootti jabaataa dhufuun sadarkaa qophii waraanaa waloon taasisuutti cehee jiraachuutu himama.
Tarkaanfileen Mootummaan Naannoo Amaaraa dhiheenya fudhataa jirus adeemsa kana kan jabeessudha kan jedhan jiru. Mootummaan Naannoo Amaaraa Hogganoota kanaan dura aangoorraa fageeffamanii turan kanneen akka obbo Yohaannis Buwaayaalaw fi Birgaader Jeneraal Tafarraa Maammoo gara aangootti deebisuuf fedhii mul’isaa jiraachuutu himama.
Hogganoonni kunneen isaan Aangoon biyya hoogganuu saba Amaaraaf mala ilaalcha jedhu tarkaanfachiisanii fi Humna Naannoo Amaaraa sadarkaa olaanaan ijaaranii bobbaasaa turan tahuun cinatti, hariiroo mootummaa mootummaa Ertiraa waliin uumame keessattis isaan qooda murteessaa qaban tahuutu himama.
Waliigalaan miirri gama mootummaa naannoo Amaaraa, Mootummaa Ertiraa fi keessoo Tigiraayii mul’atu naannichatti waraana marsaa biraa dhaluu mala yaaddoo jedhu hammeessaa kan dhufe wayita tahu, sochii humnoonni Amaaraa fi Waraanni Ertiraa Tigiraayi keessatti taasisaa jiran kana ilaalchisuun gama mootummaa federaalaan ejjennoon ifa tahe hin mul’atu.