Antoonii Bilinkaan ministeerri Haajaa Alaa UAS itiyoopiyaa dawwatan

Bilinkan daawwannaa isaa Itoophiyaatiin waa’ee haqaarratti xiyyeeffachuu qaba’ jedhe  Human Raayitis Wooch.

(SQ-Bitootessa 14,2023)

Mariin Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilikan MM Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin taasisan, kan sarbama mirgoota namoomaa qaamoolee waraana keessatti hirmaatan hundaan raawwatame jidduu gala taasifate ta’uu qaba jedhuun dhaabbanni mirga namaaf falmu Humaan Raayiti Wach gaafate.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan bor Bitooteessaa 15, 2023 dowwannaa gara Itoophiyaatti taasisaniin qondaaltoota mootummaa Itoophiyaa olaanoo waliin ni mari’atu jedhamee eegama.

Bilinkan tibba dowwannaa isaanii kanatti marii MM Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin qabaataniin sarbama mirga namoomaa tibba waraanaa Kaaba Itoophiyaatti raawwatame irratti akka xiyyeefataniif waamicha kan taasise dhaabbanni kun.ibsa Wiixata  baaseen, Biliikan tarkaanfiiwwan walitti dhufeenyi Ameerikaa fi Itoophiyaa jidduu itti fooyya’u irratti marii ni taasisuu jedhamee eegamas jedhe.

Bulchiinsi Baayidan walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii fooyya’uu mirkanneessuuf mirgi namaa fi deeggarsi namoomaa haala gahaa ta’een xiyyeeffannaa ragachuu akka qabu gaafata.

‘‘Ajjeecha fi sarbama Tigraay fi Itoophiyaa keessatti bakkeewwan adda addaatti waggoota lamaan darban keessa miidhaa olaanaa qaqqabsiisee Ameerikaan quba qabdi.

”Daawwannaan Bilibkan kunis qaamoleen hundumtuu yakka isaanitiif itti gaafatamoo akka ta’aniif Ameerikaan dhiibbaa akka taasiftu akeekkachisa kennuuf kun caalaa murteessaadha’’ jedhan Waashingtaniitti Daarektarri Humaan Raayitis Wach, Saaraah Yaagar.

Itti dabaluunis, Itoophiyaa guutuutti namoonni hedduufi hawaasni erga bara 2020 kaasee ammalleen sababii waraanaa fi yakka ilmaan namaarratti raawwatamanitiin rakkataa jiru kan jedhan Saaraah, ‘‘miidhamtoonnis badii qaqabeef beenyaafi haqi akka argamuuf michuu Itoophiyaa kan akka Ameerikaa dhiibbaa akka taasisaniif eeggataa jirus’’ jedhan.

Hooggantuun itti dabaluunis, Bilkan hirmaannaan Ameerikaa guutuun Itoophiyaa waliin qabdu itti gaafatamummaa daba hin qabne irratti kan hundaa’u ta’u MM Abiyiitti ifa taasifamuu qabaata jedhan.

‘‘Haqni argamu malee geengoon hokkooraafi wallaba of gochuun yaaliiwwan mirga namoommaa ummattoota itoophiyaa cimsuuf taasifamu irratti dhiibbaa taasisu’’ jedhan Daarektariitiin.

Waliigaltee nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti taasifameen booda booda dhimmoota Itoophiyaafi biyyoota lixaa walitti buusuu malan keessaa tokko waa’ee sarbama mirga namoomaa yeroo waraanaa dhaqqabanidha.

Mootummaan Itoophiyaa badiiwwan raawwataman ‘haqa yeroo ce’umsaan’ furmaata akka argatan fedha.

Gareen ekispartoota UN’n hundaa’e garuu biyya keessa seenuun qoratee itti-gaafatamni akka jiraatu barbaada, dhiibbaas gochaa jira.

Biliinkan MM Abiy Ahimad waliin marii taasisan irratti dhimma mirga namoomaafi itti gaafatama yakkaa irratti akka xiyyeeffatan Aminastii Intarnaashinaalis gaafateera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *