Waraanni PP tuuta Abbootii Gadaa Karrayyuu ajjeesuun dhagahame

      • Waraanni mootummaa Bilxiginnaa ammas miseensa tuuta gadaa Michillee Abbadaa Boruu ajjeesuu jiraattonni himan.

        (SQ-Ebla 13,2023)

        Miseensonni tuuta gadaa 4 waraana mootummaatin qabaman hanga ammaatti eessa buuteen isaanii kan hin baramin tahuus Odeeffanneerra.

        Tuutni Gadaa Michillee erga irra deddeebiin ajjeechaa fi dararaan waraana mootummaa irratti raawwatamaa turee booda tibbana Lafa qubsuma Warra Gadaa Kaarra jedhamu irraa ka’uun gara lafa Irreensa jedhamutti jijjiirrachuun erga qubatee jaataniyyuu hin baane jedhu jiraattonni odeessa kana nuuf qoodan.

        Waraanni mootummaa ammas hordoffii taasisuun miseensota tuuta gadaa Karrayyuu kan Michillee 17 erga qabee booda namoota 12 gadhiisuun nama 5 hambisuu jiraattonni himan.

        Namoota Shanan hambise keessaa Jajjabii tuuta gadaa Michillee kan ta’e nama Abbadaa Boruu jedhamu wiixata darbe rasaasaan kan ajjeese yoo ta’u namoonni 4 hanga ammaatti bakki isaan jiran hin beekamne jedhu jiraattonni.

        Jajjabii tuuta Gadaa Michillee kan ta’e Abbadaa Boruu erga ajjeesanii booda lafa qotanii biyyee itti haguuganii deeman kan jedhan jiraattonni  hawaasni barbaadee bakka uffanni isaa itti gatamee guyyaa 2 booda akka carraa arganii reeffa isaa biyyee keessaa baasanii awwallaatan jedhu.

        Namoota afran ammoo akkuma Abbadaa Boruu kana ajjeesanii awwaalanii fi qabanii bakka biraa geessanii hanga ammatti waan addaan baafanne hin qabnuu jedhan.

        Osoo ajjeechaan kun hin raawwatin manguddoonni biyyaa fi jilli abbootii Gadaa Karrayyuu waajjira bulchiinsa Aanaa Fantaallee dhaquun qe’een Gadaa keenya goolamaa jira, badii malee du’aa jirra mootummaan eegumsa nuuf gochuu qaba jechuun iyyatanii akka turanis jiraattonni ibsaniiru.

        Kana booda qe’ee warra gadaa namni tuqu hin jiru, waraanni bobbaafame sakattaa dhimma birootif bobbaafame malee isiniifi miti jechuun akka deebisan dhageenye.

        Goolinsa kanaan warra gadaa dabalatee hawaasni naannichaa qe’ee gadhiisee kan baqate yoo ta’u haalli guyyoota kana lamaan hawaasni Karrayyuu keessa jiru baay’ee hamaa ta’uu dubbatan.

        Keessumaa Gandoonni qubsumaan ollaa Warra Gadaa Michillee ta’an kanneen akka Haroo Huubaa, Fareersa fi Calalaxxuu fa’an hawaasni keessaa baqachuun ona ta’aniiru jedhan.

        Miseensota tuuta Gadaa Michillee keessaa Gobbuu Hawilee Boorrayyuu reebicha waraanni mootummaa irratti raawwate damdamachuu dadhabuun torban lama dura lubbuun yoo darbu gameessi Gadaa Michillee Hawaas Matoo Boorraas ji’uma darbe kana keessa ajjeefamuun kan yaadatamuudha.

        Duulli Gadaa Oromoo balleessuu Karrayyuutti jalqabe dhawaataan gara birootti babal’ataa deemu mala sodaa jedhu qabna kan jedhan jiraattonni Gadaa Karrayyuu Oolchuun Gadaa Oromoo oolchuu akka ta’etti hubachuun uummanni Oromoo hundi bakka jiruu dirmannaa akka nuuf taasisu jechuun yaamicha dhiheeffataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *